Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi marii biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’ura kan kaa’u boqonnaa murteessaarra gaheera

Mudde 21/2018(ENA)- Adeemsi marii biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’ura kan kaa’u boqonnaa murteessaarra gahuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee turtii ENA waliin taasisaniin, yeroo ammaa hojiileen ijaarsa mootummaa cimaa si’achiisan hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Kanaaf ammoo marii biyyaalessaa hundi itti hirmaatu gaggeessuuf, filannoo nagaa fi demokiraatawaa taasisuuf, biyya olaantummaan seeraa keessatti dagaage ijaaruuf akkasumas rakkoolee jiran karaa nagaa furuuf dursi kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Seenaa bara dheeraa Itiyoophiyaa keessatti walii galteen biyyaalessaa dhabamuun, rakkoo jiran karaa qaroomeen furuu dhabuu fi ilaalchi siyaasaa boodatti hafaa cabiinsa mootummaa biyyaalessaa mul’atan ta’uu kaasaniiru.

Adeemsa marii biyyaalessaa milkeessuun, filannoo karaa milkaa’een gaggeessuu, rakkoolee karaa nagaa furuun, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf geessu ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru.

Adeemsi marii biyyaalessaa bu’a qabeessa ta’uunsaa rakkooleen Itiyoophiyaa turan akka furaman kan ibsan ministirri itti waamamaa mootummaa, cabiinsa Itiyoophiyaa gama suphuutiin shoora olaanaa akka bahatu dubbataniiru.

Mariin kun dhimmoota walii galtee biyyaalessaaf murteessaa ta’an irratti walii galuuf waan gargaaruuf hundi dammaqinaan hirmaachuu akka qabu eeranii, dhimmoota walitti bu’iinsaaf ka’umsa ta’an karaa qaroomeen furuuf filmaata sirrii ta’uusaa ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa biyyaalessaaf, nageenya fulla’aa fi walii galtee biyyaalessaaf bu’ura kan itti kaa’u boqonnaa murteessaarra gaheera jedhaniiru.

Marii biyyaalessaa milkaa’aa raawwachuudhaan heera mootummaa lammiileen hundi itti walii galan dhugoomsuu fi dhimmoota murteessaa ta’anirratti waliigaltee uumuuf waan gargaaruuf hirmaannaa cimaa nama hundaa akka gaafatu dubbataniiru.

Aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa isa boodatti hafaa jijjiiruuf, aadaa nageenyaa gaarii ijaaruuf akkasumas Itiyoophiyaanonni qabeenya uumamaasaaniin hojjetanii akka jijjiiramanii fi biyya badhaate akka ijaaran bu’ura ni kaa’a jedhaniiru.

Dabalataanis naannoo Tigraayitti ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuuf qophiin taasifamuusaa eeranii, kanaafis qooda fudhattoota naannichaa garagaraa waliin mariin taasifamuu gabaasota mana mareef dhihaaterraa hubachuun akka danda’ame dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015