Foramiin magaalota Itiyoophiyaa miirri dorgommii gaariin magaalota jidduutti akka uumamu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Foramiin magaalota Itiyoophiyaa miirri dorgommii gaariin magaalota jidduutti akka uumamu taasiseera
Mudde 21/2018(ENA)- Foramiin magaalota Itiyoophiyaa miirri dorgommii gaariin magaalota biyyattii jidduutti akka uumamu taasisuusaaministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.
Foramiin magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan mata duree “guddinni magaalotaa ga’ooma Itiyoophiyaaf” jedhuun yeroo dhihoo naannoo Affaar magaalaa Samaraa-Loogiyaatti gaggeeffamuunsaa niyaadatama.
Foramichi magaalonni muuxannoo akka walii qoodan, akka of beeksisanii fi shoora guddina biyyaaf qaban akka sakatta’an kan dandeessisu waltajjii bal’aa ta’uunsaa himameera.
Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, foramichi magaalonna akka dadammaqan, gochuun guddina dinagdee biyyattiikeessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.
Dabalataanis walitti hidhamiinsa magaalota jidduu jiru cimsuun walooma ummattoottaa fi ijaarsa seenessa biyyaaf qooda gaarii bahaa akka jiru eeraniiru.
Magaalonni dilbii qabaniin guddachuuf human guddaa akka qaban ibsanii, mootummaan ida’amuu magaalota agarsiiftuu hiyyuummaa fi dhabiinsa bulchiinsa gaarii jalaa baasee fakkeenya wiirtuu badhaadhinaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru himaniiru.
Hojiileen misoomaa yaadama Kanaan hojjetamaa jiranis olka’iinsa Itiyoophiyaa haaraa kan agarsiisan ta’uu eeraniiru.
Mul’anni jijjiiramuu magaalotaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin qabatamaan saaqamaa jiraachuu eeraniiru.
Tarsiimoo baasuunii fi imaammataan deeggaruun magaalonni kutaalee biyyattii garagaraatti argaman fakkeenya badhaadhinaa akka ta’an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.