Sagantaan Koodarsii Miiliyoona 5 lammiileen Itiyoophiyaa Dijiitaala keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan isaan dandeessisa - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Koodarsii Miiliyoona 5 lammiileen Itiyoophiyaa Dijiitaala keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan isaan dandeessisa
Mudde 21/2018(ENA)- Sagantaan Koodarsii Itiyoophiyaa miiliyoona shanii, hirmaannaan isaan Dijitaalaa keessatti qaban guddisuun beekumsaa fi gahumsa uumaafii jiraachuu barattoonni dhaabbilee olaanaoo ibsan.
Dijiitaala Itiyoophiyaa Ijaaruuf bu’uuraalee misoomaa fi haala mijataa uumuu dabalatee hawaasni beekumsa dijiitaalaa qabu barbaachisaa dha.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Adoolessa 16 bara 2016 inisheetivii Koodarsii Miiliyoona 5 eegalchiisuunsaanii ni yaadatama.
Leenjichi dandeettii bu’uuraa Andirooyidii Misoomsuu, Weeb pirogiraamiingii, Daataa saayinsii fi hubannoo nam tolcheerratti kan xiyyeeffatadha.
Barattoonni Yunvarsiitii Finfinnee fi Kotobee ENAn dubbise akka ibsanitti, leenjiin koodarsii dandeettii Dijiitaalaa yeroon gaafatu dagaagfachuuf bu’uura kan ta’udha.
Yunvarsiitii Finfinneetti barattuun Infoormeeshin Siistanii Arseemaa Mangistuu leenjiin koodarsii dandeettii bu’uuraa bilisaan horachuuf kan nama dandeessisu carraa kan uumuu ta’uu dubbatti.
Leenjiin koodarsii saffisa dijiitaalayizeeshiniif murteessaa waan ta’eef namni hundi leenjicha hirmaachuu qaba jechuun ibsiteetti.
Yunvarsiitichatti barattuun Infoormeeshin Siistanii Tsiyoon Misganaawu gamasheen leenjiin koodarsii nama hundaaf haala mijateen kan qohaa’edha jetteetti.
Leenjii koodarsiin beekumsa bu’uuraa dijiitaalaa argatte barnoota idileef akka ishee gargaare ibsiteetti.
Leenjichi qajeelfama itti fayyadama teekinooloojii akka ta’uu fi haala namni hundi hubachuu dabnda’uun kan qophaa’e ta’uu kan dubbatte immoo barattuu Infoormeeshin Siistemii Beeteliheem Salamooni.
Yunivarsiitii Kotobeetti barataan Saayinsii Ispoortii Galataa Kaafoo akka ibsetti, leenjichi kompiitaraanis ta’e mobaayiliin hordofuun kan danda’amudha.