Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsa sirna Dimokiraasii cimsuuf  hojiiwwan eegalaman  bu’aa qabeesa akka ta’aniif  dhaabbileen Hawaasa Siivilii  qoodasaanii  guddisuu qabu

Mudde 21/2018(ENA)- Ijaarsa Sirna dimokiraasi cimsuuf  hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’aniif  dhaabbilileen Hawaasa Sivilii  Qoodasaanii bahuu akka  qaban  sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa  Magaalaa Finfinneetti  Itti gaafatamaan gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa ibsan.

Mata duree “ Aadaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii irratti qooda dhaabbilee hawaasa sivilii “ jedhuun Dhaabbilee Hawaasa Sivilii  Magaalaa Finfinnee jiraniif leenjiin kennamaa jira.

Sagantaa leenjichaarratti Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa  fi bakka bu’oonni  dhaabbilee hawaasa sivilii kutaa Magaalaa adda addaa keessa walitti dhufan hirmaachaa jiru.  

Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti  Itti gaafatamaan gidduugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa wayita sana akka  jedhanitti, Mootummaan nageenya, Misoomaa fi Dimokiraasii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Kanaafis dhaabbileen cimoon barbaachisoo ta’uu eeruun, cimina dhaabbileef qoodni dhaabbilee hawaasa sivilii olaanaa  ta’uu ibsaniiru.

Adeemsi Ijaarsa biyya kan milkaa’u humnaa fi walitti bu’insaan osoo hin ta’iin, garaagarummaa mariin karaa  nagaan hiikuunii fi  olaantummaa yaadaaf bitamuuni jedhaniiru. 

Shaakalli dimokiraasii  kana fakkaatan  akka dagaaganiif  hirmaannaan Hawaasa Sivilii   murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis qoodasaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Mootummaan fayyadamummaa hawaaaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyoolessaatti  Dhaabbilee Hawaasa Sivilii fi waltajjiin  qindooma  qooda fudhattootaa hundaa’uu dubbataniiru.

Waltajjiin kun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’uu ibsuun, waltajjii kanarratti dhaabbileen hawaasa sivilii gurmaa’anii Magaalaa Finfinneetti socho’aa jiran hirmaachuu akka  qaban ibsaniiru.

Gidduugala Damee Ijaarsa  sirna  Dimokiraasii Magaalaa Finfinneetti  Itti gaafatamaa Aadaa Ijaarsa  sirna dimokiraasii  Doktar Mi’eessoo Elemaa gamasaaniin, leenjichi dhaabbilee hawaasa sivilii Magaalicha jiran  caalaatti qoodasaanii akka bahan guddisuuf ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015