Tamsaasa Kallatti:

Dirree Dawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jira

 

Mudde 21/2018(ENA) - Dirree Dhawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jiraachuu ibse Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii bulchiinsichaa.

Bulchiinsichatti waktii Bonaa kana keessa lafa bishaan manca’e heektaara kuma 5 fi 550 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii akka raawwatamu himameera.

Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsichaattii Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Alii Ahimad ENAtti akka himanitti, waggoota darban keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan sululoota gogan keessatti taasifamaa ture imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu milkeessaa jira.

Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen burqaawwan deebi’uun damdamachuu jalqabuu, akkasumas misooma jallisii xixiqqaan gandoota baadiyyaa keessatti babal’achuu ibsaniiru.

Kana malees kunuunsi qabeenya bishaanii fi biyyee oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu taasisuun nyaanni beeladootaas akka argamu gargaareedha jedhan.

Kunis wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuu danda’eera jedhan.

Keessattuu dargaggoonnii fi dubartoonni waldaaleen misooma bishaan kuufamaa irratti gurmaa’uunii fi lafa qonnaa haaraa misooma bishaan kuufamaatiin uumame gara misoomaatti jijjiiruun irraa fayyadamoo ta’aniiru jedhani.

Dhuma baatii kanaatti kan eegalamu misoomni bishaan kuufamaa, jiraattonni bulchiinsichaa kuma 37 fi 550 ol kan irratti hirmaatan ta’u jedhameera.

Qonnaan bultoota yaada isaanii ENAf kennan obbo Adar Hasaniifi Adar Abdullaahii Yusuuf akka jedhanitti kunuunsi misoomni qabeenya bishaaniifi biyyeef taasisan kuni lafa gabbataan lolaan akka hin haqamne gochuun oomishaa fi oomishtumma isaanii dabaluu himan.


 

Keessattuu, misoomni burqaa bishaanii fi misoomni jallisii wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessise, misooma bishaan bona bara kanaa irratti hirmaachuuf eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015