Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Koodarsii Miiliyoona 5 lammiileen Itiyoophiyaa Dijiitaala keessatti  hirmaannaa ho’aa akka taasisan isaan dandeessisa   

Mudde 21/2018(ENA)- Sagantaan Koodarsii Itiyoophiyaa miiliyoona shanii, hirmaannaan isaan Dijitaalaa  keessatti qaban guddisuun beekumsaa fi gahumsa uumaafii jiraachuu  barattoonni dhaabbilee olaanaoo ibsan.

Dijiitaala Itiyoophiyaa Ijaaruuf bu’uuraalee misoomaa fi  haala mijataa uumuu dabalatee hawaasni  beekumsa dijiitaalaa qabu   barbaachisaa dha.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad  Adoolessa 16 bara 2016 inisheetivii Koodarsii Miiliyoona 5  eegalchiisuunsaanii ni yaadatama. 

Leenjichi dandeettii bu’uuraa Andirooyidi iMisoomsuu,Weeb pirogiraamii,Daataa saayinsii fi hubannoo nam tolcheerratti kan xiyyeeffatadha.

Barattoonni Yuunvarsiitii Finfinnee fi  Kotobee ENAn dubbise  akka ibsanitti, leenjiin koodarsii  dandeettii Dijiitaalaa yirichi gaafatu   dagaagfachuuf  bu’uura kan ta’udha.

Yuunvarsiitii Finfinneetti barattuun Infoormeeshin Siistenii Arseemaa Mangistuu  leenjiin koodarsii  dandeettii bu’uuraa bilisaan  horachuuf kan nama dandeessisu carraa kan uumuu ta’uu dubbatti.

Leenjiin koodarsii  saffisa dijiitaalayizeeshiniif   murteewwaa waan ta’eef  namni hundi leenjicha hirmaachuu qaba  jechuun ibsiteetti.

Yuunvarsiitichatti barattuun  Infoormeeshin Siistenii Tsiyoon Misganaawu  gamasheen  leenjiin koodarsii  nama hundaaf haala mijateen  kan qohaa’edha jetteetti.

Leenjii koodarsiin  beekumsa bu’uuraa dijiitaalaa argatte  barnoota idileef  akka ishee gargaare  ibsiteetti.

Leenjichi qajeelfama itti fayyadama teekinooloojii  akka ta’uu fi   haala namni hundi hubachuu dabnda’uun  kan qophaa’e ta’uu   kan dubbatte immoo  barattuu Infoormeeshin Siistemii  Beeteliheem Salamooni.

Yuunivarsiitii Kotobeetti  barataan Saayinsii Ispoortii  Galataa Kaafoo  akka  ibsetti  leenjichi  konpiiteraanis ta’e mobaayiliin hordofuun kan danda’amudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015