Ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeesa akka ta’aniif dhaabbileen Hawaasa Siivilii qoodasaanii guddisuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeesa akka ta’aniif dhaabbileen Hawaasa Siivilii qoodasaanii guddisuu qabu
Mudde 21/2018(ENA)- Ijaarsa Sirna dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’aniif dhaabbilileen Hawaasa Sivilii qoodasaanii bahuu akka qaban sadarkaa itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti itti Gaafatamaan Gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa ibsan.
Mata duree "Aadaa Dimokiraasii Ijaaruu Keessatti Gahee Dhaabbilee Hawaasa Siivilii" “ jedhuun Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Magaalaa Finfinnee jiraniif leenjiin kennamaa jira. Sirna leenjichaarratti abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni dhaabbileen hawaasa sivilii kutaa magaalaa adda addaa keessa walitti dhufan hirmaachaa jiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaan Gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan nageenya, Misoomaa fi Dimokiraasii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Kanaafis dhaabbileen cimoon barbaachisoo ta’uu eeruun, cimina dhaabbileef qoodni dhaabbilee hawaasa sivilii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi ijaarsa biyya kan milkaa’u humnaa fi walitti bu’insaan osoo hin ta’iin, garaagarummaa jiru mariin, karaa nagaan hiikuunii fi olaantummaa yaadaaf bitamuuni jedhaniiru.
Shaakalli dimokiraasii kana fakkaatan akka dagaaganiif hirmaannaan Hawaasa Sivilii murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis gahee isaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Mootummaan fayyadamummaa hawaaaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyoolessaatti Dhaabbilee Hawaasa Sivilii fi waltajjiin qindoomina qooda fudhattootaa hundaa’uu dubbataniiru.
Waltajjiin kun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’uu ibsuun, waltajjii kanarratti dhaabbileen hawaasa sivilii gurmaa’anii Magaalaa Finfinneetti socho’aa jiran hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.
Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokraasii magaalaa Finfinnee itti Gaafatamaa Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraatawaa doktar Mi’eessoo Eleemaa gama isaaniin akka jedhanittii, leenjiin kun gahee jaarmiyaalee waldaalee siivikii magaalittii keessatti qaban daran guddisuuf kan akeeke ta’uu hubachiisaniiru.
Kaayyoon leenjichaa inni biraan mootummaa fi dhaabbilee gidduutti tumsa cimaa uumuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru.