Tamsaasa Kallatti:

Nageellee Arsiin injifannoo ittifufaasaa galmeesse 


Mudde 21/2018(ENA) - Sagantaa Tapha Piriimar Liigiii Itiyoophiyaa torban 12ffaan, Nageellee Arsiin Magaalaa Diree Dawaa 3 fi 0n injifateera. 
Tapha Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen  Habiib Kamaal, Naatinaa’el Salamoonii fi Allenyitaa Maarqos   galchii injifannoo lakkoofsisaniiru. 
Liigichatti injifannoo ittifufaa kan galmeesse Nageellee Arsiin  qabxii 19n  sadarkaasaa 8ffaarraa gara  5ffaatti  ol guddiseera. 
Bara dorgommichaatti  baay’ina  taphoota injifate shaniin gaheera. 
Faallaasaan liigichatti yeroo 4ffaa kan mo’ame Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015