Daldalli Bilisaa Dirree Dawaa sirna daldalaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa Ariifachiisuun bu’aawwan abdachiisoon argamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Daldalli Bilisaa Dirree Dawaa sirna daldalaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa Ariifachiisuun bu’aawwan abdachiisoon argamaa jiru
Mudde 21/2018(ENA)-Daldalli Bilisaa Dirree Dawaa sirna daldalaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa Ariifachiisuun bu’aawwan abdachiisoon argamaa jiraachuu hojii raawwachiisaa olaanaan Misooma Paarkiiwwan Industirii Doktar Fissahaa Yittaagasuu ibsan.
Qooda riijinichi Badhaadhina Dinagdee Itiyoophiyaaf qabu guddisuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Waltajjiin marii Korporeeshinichi Qooda fudhattota waliin Daldala bilisaa Dirree Dawaarratti hojiiwwan gara fuula duratti raawwataman iftoomina uumuu fi dureeyyiin riijinicha keessatti bal’inaan akka hirmaatan jajjabeessuuf kaayyeffate gaggeeffamaa jira.
Hojii raawwachiisa olaanan Korporeeshinichaa Doktar Fissahaa Yittaagasuu wayita sana akka jedhanitti, Daldalli bilisaa riijinii Dirree Dawaa gara hojii qabatamaa guututti erga galee waggaa tokko kan hin guunne ta’us, sirna daldalaa fi loostiksii biyyattii saffisiisuun bu’aawwan abdachiisoon argamaa jiru jedhaniiru.
Waggoottan shanan Itti Aanaan omisha doolaara biiliyoona 4tti dhihaatu gama daldala bilisaa Dirree Dawaan saffisiisuuf galmi qabamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Riijinichi badhaadhina Dinagdee Itiyoophiyaaf qooda qabu guddisuun dhaabbilee mootummaa fi dameen dhuunfaa qindoominaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiheessuun, dureeyyiin eeyyama hojii fudhatan saffisaan hojii akka eegalan hubachiisaniiru.
Daldalli bilisaa Riijinii Diree Dawaa Itiyoophiyaatti daldala bilisaa riijinii jalqabaa yoo ta’u , biyyittii sirna daldalaa Addunyaa waliin walitti hidhuuf pirojektii guddaa karoorfamedha.
Daldalli bilisaa riijinii kun Al-ergii loojistiksii saffisiisuuf, Invastimantii Alaa hawachuuf akkasumas carraa hojii uumuuf shoora olaanaa ni gumaacha.