Galmeen siviilii fi maatii dijitaalaa milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f gumaacha olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Galmeen siviilii fi maatii dijitaalaa milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f gumaacha olaanaa qaba
Mudde 21/2018(ENA)- Galmeen siviilii fi maatii dijitaalaa bulchiinsa, haqaa fi nageenya biyyaa mirkaneessuun milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f gumaacha olaanaa qaba jedhan daarektarri olaantuu Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa aadde Salaamaawit Daawit.
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa waltajjii marii qooda fudhattoota galmee siiviilii fi maatii gaggeesseera.
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sadarkaa federaalaa irraa jalqabee hanga sadarkaa bulchiinsa gadiitti jaarmiyaa mataasaa danda’e akka qabu akkaataa Labsii Lakk.1370/2017n ni beekama.
Haala kanaan tajaajilichi galmee siiviilii fi maatii gaggeessuu, qajeelchuu, qindeessuu, deeggaruu, bulchuu fi gurmeessuu, akkasumas sadarkaa biyyaatti kuusaa odeeffannoo gurmeessuu fi kuusuun itti gaafatamummaan kennameefii jira.
Wayita sanatti akka Salaamaawit Daawit jedhanitti, hawaasa ammayyaa uumuu fi biyya badhaate ijaaruuf sirni galmee siiviilii fi maatii murteessaadha.
Mootummaan sirna eenyummeessa dijitaalaa ijaaruu, imaammata bocuu, karoora misooma biyyaalessaa fi Galmoota Misoomaa galmaan ga’uuf jecha Labsii Galmee Siivilii fi Maatii fooyyessuu isaa beeksisaniiru.
Sirni odeeffannoo qindaa’aa tajaajila seeraa, bulchiinsaa fi xiinxala istaatistiksiif akka galteetti fayyadamuun imaammata, karooraa fi murtii sirrii ta’e kennuuf akka tajaajilu himaniiru.
Kunis hojmaata waraqaa Itiyoophiyaa hundee irraa jijjiiruu akka danda’u eeraniiru.
Kana hordofuun magaalaa Finfinneetti appilikeeshinii galmee fooyyessuun, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee waliin ta’uun galmeen eegalamuu isaa eeruun, gara fuulduraattis naannoolee hundatti haala itti fufinsa qabuun hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoon galmee siiviilii fi maatii irraa argamu dhaabbilee mootummaa fi hawaasa hunda kan fayyadu ta’uu ibsuun, adeemsa galmee hawaasni waloon akka raawwatu gaafataniiru.