Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa galma baratti cehu qabu dha-Doktar Geediyoon Ximootiwoos - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa galma baratti cehu qabu dha-Doktar Geediyoon Ximootiwoos
Mudde 21/2018(ENA)- Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa galma baraa baratti cehu qabudha jedhan ministirri dhimma alaa Doktar Geediyoon Ximootiwoos
Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan walgahii idilee 6ffaa gaggeesseera.
Ministirri dhhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos walgahicharratti gaaffilee miseensota mana mariirraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte gaaffii dhalootaa galma baraa baratti cehu qabu akka ta’e ministirichi ibsaniiru.
Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ministeericha dabalatee Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa hojii guddaa hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Ministeerichi lammiilee deeggarsa kamiyyuu mootummaarraa osoo hin argatiin miidiyaalee garagaraatti fayyadamuun qabsaa’aa jiran galateeffateera.
Embaasiiwwan Itiyoophiyaa biyyoota garagaraatti argaman fedhii ulaa galaanaa biyyattiin qabdu guutuuf hojiin itti jiran onnachiisaa ta’uusaa ibsaniiru.
Fuulduras faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tattaaffii dippilomaasii taasifamu lammiin hundi itti gaafatama irraa eegamu bahachuu akka qabu ministirichi hubachiisaniiru.