Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaashee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomte

Itiyoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaashee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomte

Galmoota mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf murteessoodha jechuun karoorse keessaa Dijiitaalla Itiyoophiyaa Ijaaruun dhimmoota xiyyeeffannoon kennameefidha.

Carraa Itiyoophiyaa fuulduraa guddina kalaqaa fi teekinooloojii irratti ijaaruuf Tarsiimoo Diinagdee dijiitaalaa qulqullina qabuu fi yeroo waliin tarkaanfatu dinagdee hirmaachisaa ijaaruu kan dandeessisu bu’aan argamaa jira.

Akkuma beekamu galma kana milkeessuuf Mootummaan tarsiimoo Dijiitaalaa 2025n bocee gara hojiitti galee ture.

Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 kallattii hundaan bu’aan ajaa’ibsiisaan kan itti galmaa’e yoo ta’u, Tarsiimichi ergamasaa milkaa’inaan xumuree Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f dabarsee kenneera.

Dijiitaala 2025 gabaa teeleekoomii banuu fi babal’isuun dhaqqabamummaa tajaajila Intarneetaa fi mobaayilaa guddisuun akka danda’au taasiseera.

Pirojektiin enyummeessaa Dijiitaalaa Biyyoolessaa (Fayida) nageenyisaa eegame Itiyoophiyaanota hundaan gahuuf hojjetame, tajaajiloonni bulchiinsa dujutaalaa, tajaajilli dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila ammayyaa fi si’ataa gama qaqqabsiisuutiin tarkaanfiin guddaan kan itti argamedha.

Kan biroon Sagantaa Koodarsii Miiliyoona 5nii dandeettii Dijiitaalii babal’isuurratti bu’aan boonsaan argameera.

Dabalatais Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundaa’uun, bu’uuraalee misoomaa Hawaasaa (PKI) eegalamuu, Faayibarii Intarneetaa 4G/5G babal’isuu, gurgurtaa faayinaansii Dijiitaalaa kanneen fakkaatan hundi agarsiistuu milkaa’ina ergama Dijiitaala 2025 ti.

Kana ka’umsa godhachuun mootummaan Tarsiimoo Dijiitaalaa 2030 bocee hojirra oolchuu eegaleera.

Tarsiimoon kun birmadummaa Djiitaalaa kan eege, Itiyoophiyaa Kalaqaa fi Teekinooloojiin hundoofte uumuuf tarsiimoo deeggaru yoo ta’u, Tarsiimichi teekinooloojii Mala Jireenyaa gochuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha.

Utubaawwan Tarsiimichaa jedhamanii kan eeraman keessaa -

1. Dhaqqabamummaa babal’isuu- garagarummaa Dijiitaalaa magalaa fi baadiyaa gidduu jiru dhiphisuun lammiileen bakka kamittuu fayydamoo teekinooloojii akka ta’an gochuu.

2. Carraa wal-qixa uumuu - Lammiileen Diinagdee Dijiitalaa keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa wal-qixaa akka qabaatan haala mijataa uumuu.

3. Wal amantaa ijaaruu - dhaabbilee fi lammiilee gidduutti nageenyaa saayibarii fi eegumsa Daataa mirkaneessuun sirna Dijiitaalaa nageenyisaa eegame ijaaruun keessatti argama.

Akkasumas Tarsiimoon kun Itiyoophiyaan Diinagdee dijiitaalaa Addunyaa Keessatti dorgommii qabdu kan itti mirkaneessituu fi tajaajiloonni mootummaa ifaan lammiileef karaa itti dhiyaatan kan mijeessudha.

Kanarra darbees tarsiimichi gama qonnaan, Meeshaalee Dijiitalaa Ammayaa hammachiisuun, omishtummaa fi qulqullina tajajilaa guddisuu, faayinaansii fi barnootaan, hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneesuu fi yaadama kalaqa dijiitaalaa dhaloota boruu idileessuu, carraa hojii uumuu, dargaggoota kalqxoota hojii dijiitaalaaf haala mijataa uumuun dandeettii kalaqasaanii gara sona dinagdeetti akka jijjiiran dandeessisuuf faayida qaba.

Itiyoophiyaa bakkeewwan hawata Tuuristii filannoowwan dijiitaalaan Addunyaaf beeksisuun galii sharafa alaa guddisuun galma tarsoomoo kanaa isa biroodha.

Dijiitaalli Itioophiyaa 2030 appilikeeshinoota qabeenya uumaani fi dandeettii dijiitaalaa sadarka olaanaan guddisuun hirmaachisummaa faayinaansii karaa teekinooloojiin dijiitaalaa mirkaneessuu fi lammiileen sochii Diinagdee biyyaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan dandeessisuuf ergama qaba.

Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015