Godina Shawaa Bahaatti lafti heektaara kuma 266 qamadii jallisii Bonaan misoomeera - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Bahaatti lafti heektaara kuma 266 qamadii jallisii Bonaan misoomeera
Mudde 21/2018(ENA)- Lafti jallisii Bonaan misoomu heektaarri kuma 266 Qamadii facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksise.
Waajjirichatti itti aanaan hogganaa Abinnat Zagayyee ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, godinicha aanaalee 11 keessatti jallisii Bonee baranaan lafa heektaara kuma 250 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin lafti heektaara kuma 266 fi 700 sanyiin kan facaafame ta’uu ibsuun, karooraan ol hojjechuu danda’uu ibsaniiru.
Misoomni kun karooraan ol ta’uu kan danda’eef, qonnaan bultoonni jallisii Bonee misooma qamadii irraa fayyadamoo akka ta’an waan amananiif ta’uu ibsaniiru.
Aanaalee godinicha keessa jiran irra caalaan isaanii lafti tiraaktaraan deeggaramuun kilastaraan kan qotame yoo ta’u, kunuunsa midhaaniif xiyyeeffannoon dursee kennamuu ibsaniiru.
Misoomni jallisii Bonaa kun bishaan lafa jalaa fi bishaan dirra lafaa fayyadamuun kan misoomaa jiru yoo ta’u, dabalataan misoomni kun pirojaktoota jallisii ammayyaa fayyadamuun irra jireessa bishaan laga Hawaas aanaalee torba keessa qaxxaamuree darbu jallisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni qamadii Bonaa aanaalee fi gandoota godinichaa hunda keessatti hojiirra ooluu ibsuun, dargaggootaa fi dubartoota dabalatee qonnaan bultoonni kuma 120 ol misooma kanarratti hirmaachaa akka jiran yaadachiisaniiru.
Walumaagalatti lafa qamadii Bonee jallisiin misoome irraa oomishni waliigalaa kuntaalli miiliyoona 13 akka eegamu obbo Abinnat ibsaniiru.
Hogganaan Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa godina Shawaa Bahaa Asraat Geetuu akka jedhanitti, qamadii dabalatee kuduraalee fi muduraalee yeroo Bonaa jallisiin misoomsamaniif xaa’oon kuntaala kuma 133 fi 457 qonnaan bultoota godinichaaf raabsameera.