Tamsaasa Kallatti:

Fooramiin Biizinasii Afrikaa magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama

 

Mudde 21/2018(ENA)- Fooramiin Biizinasii Afrikaa 9ffaan Guraandhala 9 fi 10 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Komishiniin Biizinasii Afrikaa (ECA), Komishinii Gamtaa Afrikaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun saganticha ni qopheessa.

Waltajjiin kun Walgahii Gamtaa Afrikaa 39ffaa baatii Guraandhalaa keessa magaalaa Finfineetti gaggeeffamu waliin kan adeemsifamu ta’a.

“Egeree Afrikaa faayinaansiin deeggaruu; hojii fi kalaqni tiraanisfoormeeshinii fulla’aaf” kan jedhu mata duree fooramiin ittiin adeemsifamuuti.


 

Fooramiin Biizinasii Afrikaa waltajjii marii Ardii sadarkaa olaanaa waggaa waggaan gaggeeffamu yoo ta’u, dhimmoota misoomaa fi guddina dinagdee Afrikaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoo ENAn, ECA irraa argate ni mul’isa.

Fooramiin Ardii kuni hoggntoota Afrikaa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee dhuunfaa fi michoota misoomaa kan walitti fidudha.

Waltajjiin kun karaalee walta’insaa fi invastimantii guddisuun danda’amu irratti kan mari’atamu yoo ta’u, keessumaa faayinaansii mootummaa fi dhuunfaa dabalatee filannoowwan faayinaansii adda addaa babal’isuun karaa danda’amu irratti kan mari’atamu ta’a jedhameera.

Carraa hojii, sirni kalaqaa mijataa fi dandeettii kalaqaa Afrikaa guutummaan guutuutti itti fayyadamuun ajandaa waltajjii kana irratti mari’atamu keessaa kan eeramani dha.

Keessattuu industirii dijitaalaa, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa akkasumas damee kalaqaa Afrikaa babal’achaa jiruuf xiyyeeffannoon kennameera.

Fooramicha irratti inisheetivoonnii fi hammattoowwan adda addaa ni dhiyaatu.

Kalaqa dargaggootaa dhaqqabamummaa faayinaansii waliin kan walitti hidhu bu’uurri dandeettii fi Tiraanisfoormeeshinii Dargaggoota Afrikaa ni ifooma.

Sirni hordoffii fi to’annoo raawwii waadaa faayinaansii damee mootummaa fi dhuunfaa ECAn qophaa’es waltajjii kana irratti ifoomee hojiirra oola jedhameera.


 

Fooramiin Biizinasii Afrikaa Galmoota Misooma itti fufiinsa qabuu fi galmoota Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf gahee tarsiimoo isaa ba’aa jiraachuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015