Tamsaasa Kallatti:

Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa  Sadarkaa Gidduugaleessaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu haala dandeessisuun  akka qophaa’uu ta’aa jira   

Mudde 20/2018(ENA)-  Qormaanni  Xumuraa Manneen Barnootaa   Sadarkaa  Gidduugaleessaa   sirna barnootaa kan bu’uureffatee fi  haala qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’uun   akka  qophaa’u ta’aa jiraachuu  Tajaajilli Madaallii fi  Qormaata Barnootaa  ibse. 
 Waltajjiin marii    xumura  barnoota sadarkaa gidduugaleessaa  fi  istaandardii   qormaataa  kutaa 8ffaa   eegsisuurratti   xiyyeeffate bakka bu’oonni    Biiroo Barnootaa  Naannoolee fi  Bulchiinsota Magaalaa bakka argamanitti    Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. 



Waltajjicharratti  Daarektarri Olanaan Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa doktar Asheetuu Kabbadaa  qulqullina barnootaa eegsisuuf  hojiiwwan deeggaran keessaa  tokko  qormaata sadarkaasaa eeggate  kennuudha  jedhaniiru. 
Tajaajilichi qormaata sadarkaa sadarkaan kennaman  Sirna Barnootaa kan  bu’uureffatanii fi   qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisan  akka  ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu  dubbataniiru. 
 Kanaanis xumura qormaata sadarkaa gidduugaleessaa fi qormaanni kutaa 8ffaa  haala qulqullina eegsisuu danda’amu irratti   akka qophaa’u  taassifamaa jira jedhaniiru. 



Keessumaa qormaanni kennamuun dura gaaffiiwwan qormaataa qophaa’an  madaaluun  hoggantoota damee barnootaa fi    ogeeyyiirraa kan eegamu ta’uu  himaniiru. 
Qulqullinnii fi Madaalliin  Qormaataa  dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamu keessa tokko ta’uu  ibsuun,  tajaajilichi deeggarsaa fi hordoffii taassisa jedhaniiru. 
Qophichaan teekinooloojii fayyadamuun qulqullinaa fi madaalliin akka eegamu  kan taassifamu yoo ta’u , itti fayyadama teekinoloojiin  hanqinoota jiran  guutuun akka eegalu  hubachiisaniiru. 
Waltajjiin har’aa qormaata  Naannolee kutaa 8ffaa  irratti hanqinoota jiran  adda baasuun, qophii walfakkaataa ta’e  taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu  itti aanaan daarektaara olaanaa  obbo Yiliqaal Wandimmenahi ibsaniiru. 



Naannooleen qulqullina qormaataa  mataasaaniin eegsisuuf  teekinooloojiin, hoj maataa fi  gurmaa’insaan  hojii hojjetani muuxannoo kan  walirraa qooddatanidha jedhaniiru. 
Waltajjichi qormaata qopheessuuf , madaaluu  humna dandeessisu  ijaaruuf  kan deeggaru ta’uu  dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015