Tooftaalee Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarbaa Vaayirasii Maarbargii - ENA Afaan Oromoo
Tooftaalee Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarbaa Vaayirasii Maarbargii
Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha?
Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uu fi dhibee dhiigni dhangala’uun mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’u dha.
Dhala namaa, beeyladootaa fi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala
Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali?
Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu
Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa boowwuu
Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa
Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu
Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu
Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba?
Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan, imimmaanii fi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun
Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu
Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a
Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama?
Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu
Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaa fi ho’i qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu
Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti
Nama dhibee sanaan qabame dhiigaa fi dhangala’oo isaa irraa of eeguu
Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaanii fi afaanii (maaskii) kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.