Tamsaasa Kallatti:

Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 sirni bittaa elektirooniksii mootummaa bu’a qabeessa akka ta’u shoora ijoo nibahata

Mudde 20/2018(ENA)-Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 sirni bittaa elektirooniksii mootummaa bu’a qabeessa akka ta’u shoora ijoo akka bahatu abbaan taayitaa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa federaalaa ibse.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Masarat Masqalee ENAtti akka himanitti, iftoomin hojmaata bittaa mootummaa diriirsuuf sirni bittaa elektirooniksii (e-GP) hojiirra oolfamuu ibsaniiru.

Bara bajataa 2018 dhaabbileen barnootaa olaanoo mootumaa fi federalaa kara sirna bittaa elektirooniksiin bittaa akka raawwatan taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Sirni bittaa elektirooniksii mootummaa hirmaattonni caalbaasii biyya keessaa fi biyya alaa carraa caalbaasii walqixaa fi ifa ta’e akka argatan hojmaata haqa qabeessa fidaa akka jiru himaniiru.

Hojiileen karaa sirna bittaa elektirooniksii karoora irraa amma bittaatti raawwataman sirna hojmaataa itti gaafatamummaa ifaatiin akka gaggeeffamu gochuun carraa guddaa uumuusaa dubbataniiru.

Bu’a qabeessummaa sirna bittaa elektirooniksii mootummaa eegsisuufis dhaabbilee dhimmichi ilaallatu waliin sanadoota walitti hidhuun akka danda’ame ibsaniiru.

Warri dhiheessanis wayita bittaaf galmaa’an eyyama daldalaa, lakkoofsa adda baaftuu gibiraa fi galmee taaksii dabalataa kan mirkaneessu kallattiin karaa sirna dijitaalaa kan dhiheessan ta’uu kaasaniiru.

Bittaan mootummaa eenyummaa dogoggoraatiin akka hin raawwatamne gochuuf sagantaa enyummeessaa biyyaalessaa waliin wal ta’uun hojmaata walfakkaataa sadarkaasaa eeggate diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haala Kanaan abbaan taayitaa bittaa mootummaa federaalaa fi bulchiinsa qabeenyaa sirna hojmaata bittaa ammayyaa diriirsuun bu’a qabeessummaa dijitaala Itiyoophiyaa 2025’f qoodasaa akka bahe ibsaniiru.

Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030’s bu’a qabeessummaa sirna bittaa mootummaaf shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Fuulduras ka’umsa tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030’f federaalaa fi naannolee hunda waliin ta’uun sirna bittaa guutummaatti sirna elektirooniksiin raawwachiisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

#ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015