Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhaqqabamumma bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf hojjetamaa jiru

Mudde 20/2018(ENA)-Naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhaqqabamumma bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu prezidaantiin naannichaa Ashaadilii Hasan ibsan.

Pirezidaantichi naannicha aanaa Homooshaa ganda Tsooree Almatamaa keessatti ijaarsa piroojektoota bishaan dhugaatii fi qulqullina naannoo miseensota hawaasaa kuma 17 ol fayyadamoo taasisu ijaarsa isaa eegalchiisaniiru.


 

Piroojektichi deeggarsa maallaqaa ‘UNICEF’ irraa argameen kan ijaaramu yoo ta’u, birrii miiliyoona 140 ramadamuu isaa ibsameera.

Pireesidaantiin naannichaa Ashaadilii Hasaan wayita sana akka jedhanitti, naannichatti dhaaqqabamummaa bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf dhaabbilee michuu waliin qindoominaan hojjetamaa jira.

Gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii hawaasni kaasan deebisuuf tattaaffiin taasifame bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.


 

‘UNICEF’ fi michoonni biroos pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu hojiirra oolchuu irra darbee, dhaabbileen bishaanii itti fufinsaan akka tajaajila kennaniif humna aduutiin akka hojjetan gochuun, dhaqqabamummaa bishaan dhugaatii qulqulluu waliin gahuuf gumaacha guddaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Naannoo Beenishaangul Gumuz aadde Hajiraa Ibraahim piroojektichi ji'a jaha keessatti xumuramee tajaajilaaf gahuu akka danda’u ibsaniiru.


 

Hoggantoonni olaanoo naannoo fi miseensonni hawaasa naannoo sagantaa jalqabsiisa ijaarsa piroojektichaa irratti argamaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015