Tamsaasa Kallatti:

Cabiinsa dinagdeerraa gara bayyanachuu dinagdeetti

 

Mudde 20/2018(ENA)-Sagantaan fooyyessa dinagdee Gooroo dameewwan garagaraan bu’aalee qabatamaa fi guddina fulla’aa galmeessisuun dinagdee cimaa fi dorgomaaf bu’uura kaa’uusaa tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa FDRI ibse.

Fooyyessichi dinagdee dorgomaaf bu’uura cimaa kaa’uus ibseera.

Fooyyessa dinagdee kanaan rakkooleen caaseffamaa diinagdee waggoottaniif turan kutannoo Mootummaan sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dinagdeen cimina keessoo fi Addunyaa waliin hidhata qabu akkasumas gabaarratti dorgomaa ta’e akka ijaaramuuf haalli mijataan uumamuu ibseera.

Guddinni dinagdee kun sadarkaa olaanaan akka saffisuuf qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu, kuufama sharafa alaa guddisuu, oomishaalee bakka bu’oo jajjabeessuu fi invastimantii haaraa hawwachuu irratti fooyya’iinsi taasifame milkaa’inoota gurguddaa galmeessisuu

himeera. Kana cinaatti murteewwan haaromsaa wal irraa hin cinnee fi kutannoon mootummaan fudhate milkaa’ina argameef bu’uura ta’uu ibsameera.

Mootummaan cabiinsa diinagdee suphuu fi akka dandamatuuf tarkaanfiiwwan gurguddoo; shallagni sharafa alaa gabaan akka hogganamu gochuufi maallaqni Itiyoophiyaa gatii sirrii akka argatu taasisuu ibseera.

Hojii gama kanaan hojjetameen sharafni alaa kanaan dura karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture seera qabeessaan gara baankii akka seenu taasisuun, dhaabbilee invastimantii sababa hanqina doolaaraan cufamuuf fiixeerra gahanii turan gara hojiitti akka deebi’aniifi diinagdeen rakkoo keessaa bahee akka dandamatuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu himeera.

Bu’aan ijoo mootummaan galmeesse inni biraan marii milkaa’inaan liqaa alaa irra deebiin sirreessuu fi haquu isaati.

Kanarraa kan ka’e liqaan Itiyoophiyaan kanaan dura fudhatte liqaa dhala guddaa fi yeroon deebiii isaa gabaabaa ta’uun biyyattii haala rakkisaa keessa galchaa tureera.

Rakkoo kana furuuf mootummaan biyyoota liqaa kennanii fi dhaabbilee faayinaansii waliin marii milkaa’aa taasisuun, sirreeffama liqaa gara doolaara biiliyoona 4.5tti siqu mirkaneessuun milkaa’inaan raawwateera.

Kunis biyyattiin qabeenya kanaan dura liqaa biyya alaa ishee kaffaluuf itti fayyadamaa turte kuufama sharafa alaa biyya keessaa ishee guddisuu fi pirojektoota misoomaa guutuu biyyattii keessatti hojjetaman deeggaruuf carraa uumeera; akkasumas dhaabbilee faayinaansii haalaan cimseera.

Hunda caalaa immoo, hojiirra oolmaan haaromsa dinagdee maakiroo bal’aa sirna sharafa alaa iftoominaa fi tilmaamamuu danda’u kan yaa’insa invastimantii kallattiin alaa mijeessuu uumuu danda’eera.

Kunis abbootiin qabeenyaa biyya alaa amantaa biyya keenyarratti qaban akka cimu taasisuu; kaappitaalli gara biyyattiitti akka dabalu taasisuu fi akka biyyaattis haaromsi dinagdee bal’aa akka uumamu taasiseera.

Walumaagalatti haaromsi diinagdee, biyyattii kufaatii irraa baraaruun, kuufamni sharafa alaa dabaluu, humna dinagdee Itiyoophiyaa cimsuun hariiroo hawaasa daldalaa addunyaa waliin qabdu sadarkaa haaraatti ol guddiseera.

Bu’aan argame itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf al-ergii, oomisha bakka bu’aa fi oomishtummaa guddisuun xiyyeeffannoo mootummaa ta’ee akka itti fufu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015