Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen Poolisii ergamasaanii gahumsaan bahuu akka danda’aniif Bu’uuraalee Misoomaa fi galtee barbaachisaa guutuun cimee itti fufa- Kantiibaa Adaanach Abeebee

Mudde 20/2018(ENA)- Dhaabbiileen Poolisii ergamasaanii gahumsaan bahuu akka danda’aniif Bu’uuraalee Misoomaa fi galtee barbaachisaa guutuun cimee akka itti fufu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee ibsan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee pirojaktii dhaabbilee Poolisii fi Balaa ibiddaa ijaaramanii Xumuraman eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.


 

Pirojektoonni kunneen qajeelchawwan poolisii kutaa magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinneen ijaaraman, Wiirtuuwwan poolisii hawaasaa, buufataalee poolisii, Kaampiiwwan poolisii fi waajjiraalee komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi sodaa balaa bulchiinsa Magaalaa Finfinneti.


 

Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee wayita sana akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa nagaa fi tasgabbii magalichaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira.

Hojiiwwan kun nagaa fi tasagabbii magaalichaa mirkaneessuuf kan dandeessisan ta’uu dubbataniiru.


 

Pirojektoonni guyyaa har’aa tajaajilaaf banaa ta’an Poolisiin hawaasatti dhihaachuun yakka dursuun ittisuu, xiqqeessuu fi to’achuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Akkasumas dhaqqabamummaa tajaajila poolisi guddisuurra darbee qaamoleen nageenyaa humna guutuun akka bobba’an isaan dandeessisuuf kan hojjetaman ta’uusaanii kantiibaa Adaanach ibaniiru.


 

Magaalaan Finfinnee Magaalaa Ardii fi Idil-Addunyaa ta’uusheen hojiin daawwattootaaf mijattuu taassisuu akka hojjetamu ibsaniiru.

Nagaan bu’uura waan hundaati kan jedhan kantiibaa Adaanach, kanaanis Ijaarsa dhaabbilee nageenyaa hojiin teekinooloojii fi humna namaan Ammayyeessuu Cimee itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015