Tamsaasa Kallatti:

Qonnaan Bultoonni Misooma Qamadii Jallisii Boneen Galii argataniin jireenyi isaanii fooyya’aa dhufeera 

Mudde 20/2018(ENA)-Misooma Qamadii Jallisii Boneen galii argataniin jireenyi isaanii fooyya’aa dhufuu  Qonnaan bultoonni Godina Harargee Lixaa  ibsan. 
Sadarkaa Biyyoolessaatti Misoomni Qamadii jallisii  erga eegalee asitti  Qonnaan bultoonni Misoomicharratti dammaqinaan hirmaachuun  guddina Dinagdee mataasaanii fi biyyaaf  qooda olaanaa gumaachaa jiru. 
 Inisheetifii Misooma Jallisii Boneen ammaan dura  bakkeewwaan jallisin hin misoomne  gara misoomaatti galchuu dabalatee  aadaa hojii qonnaan bulaa jijjiiruu fi  oomishaa fi oomishtummaa guddisuun  fayyadamoo taasisaa jira. 
Qonnaan bultoota Godina  Harargee Lixaa Aanaa Bookee  Misoomni Qamadii  Jallisii  sadarkaa biyyaatti erga  eegalee asitti   gara misoomaatti galuun  galii argataniin  jireenyisaanii fooyya’aa dhufuu  ibsaniiru. 



Godinichatti Qonnaan bultoota misoomicharratti bobba’an keessaa Yaahiyyaa Adam tokko yoo ta’an, qamadii jallisii Boneen  bara kana lafa heektaara 2 irratti oomishaa jiraachuu ibsaniiru.  
Misoomn jallisii Bonee osoo hin eegaliin dura  laftisaanii waktii Bonaa bakka oolmaa  horiirra darbee misoomaaf kan hin oolle ta’uu  kan ibsan qonnaan bulaan kun,  waggoottan lamaan darbanii asitti  garuu  laficha misoomsuun callaa hanga kuntaala 50 argachaa jiraachuu himaniiru. 
Oomisha waggaa darbe oomishaniin  mataasaanirra darbanii  gabaaf dhiheeessuun galii   birrii kuma 300  ol  argachuusaanii  ibsaniiru. 
Galii argataniin re’ee fi sangaa bituun furdisuun fayyadamoo ta’uu  ibsaniiru.  
Qonnaan  bulaan biroon Ahimad Mahaammad gama isaaniin, qonnaan bultoota biroo ja’a waliin ta’uun, misooma jallisii Boneerratti hirmaachaa jiraachuu isaanii  dubbataniiru. 
  Oomisha Qamadii waggoottan darban oomishaniin ofirra darbanii  gabaaf dhiheessuun  galii birrii  kuma 200  ol  argachuu isaanii ibsaniiru. 



Itti aanaan bulchaa aanaa Bookee obbo Mahaammadzayyin Jamaal akka ibsanitti, bara kana aanichatti lafti heektaarri   kuma 10n  qamadii jallisi Boneen  misoomaa jira.  
Qonnaan bultoonni Teekinooloojii ammayyaa fi galteewwan qonnaa fayyadamuun  misoomichaan bu’aa qabeessa  akka  ta’aniif  ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffii dhiheenyatti taassisaafii jiru jedhaniiru. 



Waajjira Qonnaa Godinichaatti qindeessan misooma jallisii Bonee Habiib Abdulkariim  akka jedhanitti, Godinichatti qonnaan bultoota kuma 50 ol hirmaachisuun lafa heektaara kuma 81 ol misoomsuun hojjetamaa jira. 
Hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 26 ol ta’u sanyiin facaafamuu  eeruun, Godinichatti waggoottan darban hojii misooma jallisii hojjetamaniin, hawaasa gargaaramtummaa keessaa baasuuf  qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu  ibsaniiru. 
Godinichatti aanaawwan 15n keessaatti  hojiiwwan misoomaa  hojjetamaa jiraniin   callaan  kuntaala miliyoona 3 ol walitti qabuuf karoorfamuu  ibsaniiru. 
Godina Harargee Lixaatti  hojiin misooma jallisii  dursee  naannoowwan Oromiyaa  eegalaman keessaa   tokko yoo ta’u, hojiin misooma jallisii bara kanaa  xumura baatii Fulbaanaa eegalee  gaggeeffamaa jiraachuu ibsniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015