Tamsaasa Kallatti:

Taphni Faasil kanamaan Itiyoo-Elektirikii waliin gaggeessan  hawwiin eegama 

Mudde 20/2018(ENA)- Piriimar ligii Itiyoophiyaa torban12ffaan har’a eeggala.   
Guyyaa sa’aatii 7:00 Faasil kanamaan fi Itiyoo-Elektirikii waliin Istaadiyeemii Finfinneetti  taphatu. 
Liigichaan Faasil kanamaan taphoota 11 gaggeesseen yeroo shan yoo injifatu yeroo 6  qixa baheera. 
Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. 
Garichi qabxii 21n sadarkaa 2ffaa qabateera. 
 Liigichatti hanga ammaatti kan hin mo’amne kilabiin qofeessi Faasil kanamaadha. 
Itiyoo elektiriik bara dorgommichaatti taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu  yeroo tokko mo’ameera.  
Taphoota hafan 5n qixaan adda baheera.  
Galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. 
Garichi qabxii 20n sadarkaa 5ffaa qabateera. 
Faasil kanamaan yoo injifate dursummaa liigichaa Buna Sidaamaarraa yeroof ni fudhata. 
Sagantaa biroon maqalee 70 Indartaan Qiddusgoorgis waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. 
Maqalee 70 Indartaan liigichatti taphoota 11 gaggeesse keessaa kan injifate yeroo 1 qofa. 
Yeroo shan yoo injifatamu haaluma wal fakkaatuun yeroo  5 qixa baheera. 
Galchiiwwan12 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera.  
Garichi qabxii 7n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. 
Liigichaan Inijifataan yeroo 16 Qiddusgoorgis  gamasaan taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo 4 mo’ameera. 
Taphoota biroo hafan 2 qabxii qooddateera. 
Taphoota 11n galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. 
Qiddus Goorgis qabxii 17n sadarkaa 6ffaa qabateera. 
Taphichaan Maqalee70 Indartaan injifannoo  itti fufaa galmeessisuuf, Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu.
Walwaloo Addai Giraat Yunvarsiitiin Magaalaa Baahir Daar waliin Guyyaa sa’aatii 10: 00tti  Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. 
Walwaloo Addigiraat Yunvarsiitiin  qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee  sadargaa gad- bu’aa keessatti argama. 
Walaayittaa Diichaan Magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolojii  Adaamaatti ni taphatu. 
Walaayittaa Diichaan qabxii 10n sadarkaa 17ffaan adarkaa gad bu’aa keessatti argama.  
Magaalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. 
Magaalaan Aarbaa Minici Liigichaan tapha tokkoyyuu kan hin injifanne garee  qofeessadha. 
Bunni Sidaamaa  Liigicha qabxii 22n dursaa  jira. 
Piriimar Liigii Itiyoophiyaa  torban 12ffaan hanga mudde 22 bara 2018tti ni tura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015