Qonnaan bultoonni godinichaa qisaasama yeroo sassaabbii mudatu xiqqeessuuf teeknooloojitti fayyadamuun oomisha isaanii sassaabaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni godinichaa qisaasama yeroo sassaabbii mudatu xiqqeessuuf teeknooloojitti fayyadamuun oomisha isaanii sassaabaa jiru
Mudde 19/2018(ENA)-Qisaasama yeroo sassaabbii gahuuf malu xiqqeessuuf teeknooloojitti fayyadamuun oomisha isaanii sassaabaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Baalee Aanaa Sinaanaa himan.
Godinichatti yeroo waqtii gannaatiin midhaan akaakuu gara garaa lafa heektaara kuma 538 fi 500 ol irratti misoome teeknooloojiin deeggaramuun sassaabbiin eegaluu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksisee jira.
Aanaalee Godinichaa sassaabbiin oomisha waqtii gannaa keessatti eegalan keessaa Aanaan Sinaanaa adda durummaan ibsama.
Bulchaan Aanaa Sinaanaa Obbo Huseen Hiikoo akka jedhanitti aanichatti misooma yeroo gannaatiin lafti hektaara kuma 78 ol midhaan akaakuu gara garaatiin misoomuu yaadachiisan.
Misooma kanarraayis oomisha waliigalaa kuntaala miiliyoona 3 ol kan abdatamu ta'uu himan.
Keessattuu, qisaasama yeroo sassaabbii oomishaa gahuuf malu xiqqeessuuf koombaaynaroota 100 caalanitti fayyadamuun hojiin sassaabbii geeggeffamaa jiraachuus eeran.
Ittigaafatamaa ittaanaan Waajjira Qonna Godina Baalee Obbo Mu'aawiyaa Fu'aadis yaaduma kana jajjabeessu.
Sadarkaa godinichaatti lafti heektaara kuma 538,500 Ol yeroo gannaatti midhaan akaakuu gara garaatiin misoome maashinarootaan deeggaramuun sassaabbiin eegaluu ragaa bahan.
Sochii hojii hanga ammaatti taasifameen midhaan lafa heektaara kuma 146 ol irra jiru sassaabuun kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 2 caalu argamuu yaadachiisan.
Akka Godinichaatti lafa waliigalaa midhaan akaakuu gara garaatiin misoomerraa oomishni kuntaala miliyoona 19 tuqaa 1 ni argama jedhamee abdatamuu odeeffannoo Waajjira Qonna Godinichaarraa argame ni mul'isa.