Taphoota Waancaa Afrikaa marsaa 2ffaan har'a taphoonni afur ni taphatamu - ENA Afaan Oromoo
Taphoota Waancaa Afrikaa marsaa 2ffaan har'a taphoonni afur ni taphatamu
Mudde 19/2018 (ENA) - Tapha waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Morookoon gaggeeffamaa jiruun har'a taphoonni marsaa 2ffaa afur ni taphatamu.
Waaree booda sa'aatii 9:30 jalqabee Gaaboon Moozaambik waliin morkatti.
Tapha marsaa jalqabaan Gaaboon Kaameeruuniin, Moozaambik ammoo Kootidivoweeriin injifatamuun kan yaadatamuu dha.
Galgala sa'aatii 12:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Sudaan waliin falmatti.
Akkasumas halkan sa'aatii 2:30 jalqabee Aljeeriyaan Burkiinaa Faasoo waliin taphatti.
Halkan sa'aatii 5:00 jalqabee immoo morkiin Kootidivowaar Kaameeruun waliin taasiftu tapha eegamuudha.
Gareewwan lamaan taphoota 11 taphoota adda addaarratti waliin taphatan 11 keessa Kaameeruun yeroo 4 yoo injifattu, Kootidivowaar yeroo 4 injifachuun yeroo 3 ammoo qabxii qooddataniiru.
Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootidivowaar falmiin har'a warra Leencotaa waliin taasiftuun ni eegama.
Tapha garee jalqabaatiin Kootidivoyaar Moozaambiikiin, Kaameeruun Gaabooniin 1 fi 0n injifatte.
Humnoonni kubbaa miilaa Afrikaa ciccimoon lamaan waltajjii ardii irratti yeroo wal argan kun yeroo 6ffaati.
Biyyoonni kunneen yeroo jalqabaaf kan waliin taphatan Waancaa Afrikaa torbaffaa, bara Faranjootaa 1970 Sudaan keessummeessite irratti ture. Yeroo sanattis Kaameruun 3 fi 2 mo’atte.