Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti teekinooloojii ammayyaa fayadamuun qisaasama midhaanii yeroo sassaabbii hir’isuuf xiyyeeffannoon kennameera.

 

Mudde 19/2018(ENA)- Godina Baaleetti teekinooloojii ammayyaa fayadamuun qisaasama midhaanii yeroo sassaabbii hir’isuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.

Itti aanaa itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka jedhanitti, Godinichatti lafa heektaara kuma 538 fi 500 midhaan gosa adda addaan oomishame irraa sassaabbiin mala teeknooloojiin deeggarameen adeemsifamaa jira. Sassaabbiin midhaanii mala teeknooloojiin adeemsifamu qisaasama midhaanii hambisuuf gahee olaanaa qaba jedhani.

Midhaan gahe sassaabuuf akka Godinaatti kompaayinaroota 380 ol hojiitti bobbaasuun akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Sassaabbiin midhaan gahee makaanaayizeeshiniin deeggarame aanaalee Godinichaa Sinaanaa fi Gaasaraa keessatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.

Hanga ammaatti midhaan gahe lafa heektaara kuma 65 irraa sassaabameera jedhani.

Midhaan sassaabame irraa midhaan kuntaala miliyoona 2.2 ol argamuu eeruun itti aanaan hogganaa kuni, misooma waliigalaan kuntaala miliyoona 19.1 ol akka eegamu himaniiru.

Sassaabbiin midhaan gahee rooba yeroo isaa hin eegneen akka hin miidhamneef, maashinaroota xixiqqoottis dhimma bahuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015