Tattaaffii mootummaan diinagdee magariisaa ijaaruuf taasisu keessatti gahee keenya bahataa jirra – Oomishtoota - ENA Afaan Oromoo
Tattaaffii mootummaan diinagdee magariisaa ijaaruuf taasisu keessatti gahee keenya bahataa jirra – Oomishtoota
Mudde 19/2018(ENA)- Tattaaffii mootummaan diinagdee magariisaa ijaaruuf taasisu keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu oomishtoonni ibsani.
Fooramiinii fi agarsiifni sochii faalama hir’isuu lammaffaa ‘Green Mobility” 20125, Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa keessatti bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti banameera.
Itti aanaan muummichi ministeeraa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin imalli biyya magariisaa fi badhaate dhaloota itti aanutti dhaalchisuu gama hundaan milkaa’inaan itti fufuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Agarsiisni fi waltajjiin kun imala seena qabeessa Itiyoophiyaan ijaaruuf eegalte kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbilee agarsiisa kanarratti oomisha isaanii dhiyeessan keessaa Daarektarri Olaanaa Beekaa Giruuppii Mikaa’el Kaasaa tokko yoo ta’an, yeroo jalqabaaf piroojektii konkolaattota elektirikaa gurguddoo hojjechuuf walitti qaqqabsiifaman hojjetamaa jiru agarsiisa kanarratti dhiyeessaniiru.
Yeroo ammaa kana hojiin meeshaalee konkolaattotaa walitti qaqqabsiisuu kun dhaabbata Chaayinaa Shaakmaan jedhamu waliin akka jalqabame eeruun, ji’a afur boodas hojii akka jalqabu dubbataniiru.
Dhaabbata Giruuppii Balaaynaa Kindeetti daarektarri Komunikeeshinii obbo Saxxanyi Ingidaa akka jedhanitti, agarsiisni kun dhaabbatichi konkolaattota anniisaa haaromfamuu danda’an akka beeksisu carraa kan uume ta’uu ibsaniiru.
Agarsiisa kana irratti anniisaalee baasii qusataniifi faalama hir’isuu danda’an konkolaattota elektirikaa dhiyeessuu eeruun, kanaanis gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Deetaa Ministiraa Geejjibaa fi Loojistiksii Bara’oo Hasan gama isaaniin akka ibsanitti, Konkolaattota anniisaa haaromfamuu danda’aniif, sadarkaa (istaandaardii) irraa kaasee hanga imaammataatti xiyyeeffannoo addaa kennuun Afrikaa keessatti gahee adda duree akka taphatu isa dandeessiseera jedhan.
Bara 2030tti lakkoofsa konkolaattota elektirikaa gara kuma 500tti guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu eeruun, kanaan walqabatees invastimantii fi tumsa barbaachisu uumuuf agarsiisni kun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.