Gareen ‘Tihinag’ hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira- Paartii Dimookiraatawaa Simirriit. - ENA Afaan Oromoo
Gareen ‘Tihinag’ hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira- Paartii Dimookiraatawaa Simirriit.
Mudde 19/2018(ENA) - Gareen Tihinag hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira jedhe Paartiin Dimookiraatawaa Simirriit.
Garee isaa seeraan alaa qindeessuun deeggarsi namoomaa akka buqqaatota hin qaqqabne taasisaa jira jedhe.
Miseensa Mana Maree fi Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Paartii Dimokiraatawaa Simirriit kan ta’an obbo Xa’aamee Araddoom ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti gareen seeraan alaa naannoo Tigraay keessa socho’aa jiru buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gufuu ta’eera.
Gareen seeraan alaa kunneen buqqaatota doorsisuun rakkoo fi beela keessa isaan galcheera jedhani.
Dabalataaniis gareen seeraan alaa kuni deeggarsa lammiilee buqqaatotaaf ergamu saamuun ofiif oolchachuun, namoota mirga isaanii gaafatan immoo sodaachisuun miidhaaf isaan saaaxilaa jira jedhaniiru.
Yeroo ammaa kanatti naannoo Tigraay keessumaa dahannoo buqqaatotaa keessatti rakkoo hammaataa gahaa jiruuf garee seeraan alaa kanatu sababa ta’eera jedhani.
Gareen seeraan alaa kun rakkoo, du'aa fi hammeenya buqqaatotaa itti fufsiisaa jira waan ta’eef; keessumattuu qaamonni adda addaa gargaarsi namoomaa fi dhiheessiin naannicha seenu kallattiin fayyadamtoota bira akka gahu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru obbo Xa’aameen.
Gareen seeraan alaa kuni siyaasa hamaa isaa adeemsifachuuf hammeenya gara jabeenyaan raawwatu, rakkoon hawaasa Tigraay akka itti fufu taasisaa jira jedhaniiru.