Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana waggaa Qullubbii Gabri'eelii tokkummaanii fi haala duudhaa amantichaa eeggateen kabajneerra - Hordoftoota Amantichaa


 

Mudde 19/2018(ENA)- Ayyaana waggaa Qullubbii Gabri'eelii tokkummaanii fi haala duudhaa amantichaa eeggateen kabajneerra jedhan hordoftoonni amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa.

Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabri’eelii hordoftoonni amantichaa hedduun kan irratti hirmaatan haala ho’aan kabajameera.

Jiraattonni naannichaas qaamolee nageenyaa waliin ta’uun qindoominaan waan hojjetaniif ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf gahee olaanaa bahateera jedhame.

 Hordoftoonni amantichaa ENA waliin turtii taasisan Saamu’eel Biraanee, aadde Ayyalechi Bayyanaa, dargaggoo Hayilamikaa’el Siyyum fi obbo Geetaachoo Gizaawuu akka jedhanitti ayyaanichi ayyaana tokkummaa fi duudhaan itti mul’ate waan ta’eef akka itti gammadan ibsaniiru. Hawaasni naannichaas simannaa ho’aa fi deeggarsa barbaachisu isaaniif waan taasiseef galateeffataniiru. Ayyaanichi ayyaana waliif yaaduun dammaqinaan itti mul’ate waan ta’eef galateeffamuu qaba jedhanirru.

Akka Itti Gaafatamaan Kutaa Poolisii Godina Harargee Bahaa fi Qindeessaan Taask Foorsii Nageenya Ayyaanaa Gargaaraa Komishinaraa Naasir Mohaammad ibsanitti, ayyaanni kun rakkoo tokko malee bifa ho’aan kabajameera.

Hanga ammaatti balaan tiraafikaas ta’e, rakkoon balaa yakkaa akka hin mudanne eeruun gargaaraan komishinaraa, hawaasni naannichaa qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun nageenya argameef saba guddaadha waan ta’eef kan galateeffatamuu qabu dha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015