Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyoolessaa uumuuf carraa gaarii dha. - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyoolessaa uumuuf carraa gaarii dha.
Mudde 19/2018(ENA) -Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyoolessaa galmaan ga’uuf lammiileen hundi Marii Biyyoolessaa dhiyaate carraa gaarii kana fayyadamuu akka qaban Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii ibseera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaa qindeessuun, hojiiwwan galteewwan ajandichaaf ta’an walitti qabuun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa walii galaaf kan ta’u qophaa’aa jiraachuu ibsuun isaa kan yaadatamudha.
Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen akka jedhanitti, lammiileen Itiyoophiyaa waliin marii taasisuun ajandaa waloo irratti waliigaltee irra gahuu dadhabuun biyyattiin gatii kaffalaa turte.
Kanaaf dur biyyattiin ittiin rakkachaa kan turte yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa walitti qabuun,walii galtee biyyaalessaaf shoora olaanaa qaba waan ta’eef carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.
Mariin biyyoolessaa olaantummaa yaada irratti hundaa’e gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa cimsu Itiyoophiyaa keessatti sirna dimokiraasii guddatee fi haala siyaasaa hunda hirmaachise uumuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Adeemsi Marii Biyyaalessaa hirmaachisaa, hunda kan hammate, amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf, adeemsa marii duraa gaggeeffameef deeggarsa gaarii taasisaa akka jiranis eeraniiru.
Hundeessituu fi daayreektarri dhaabbata ‘Tarkaanfii Sasteenabil Divilopmantii’ Warqinash Beegii akka jedhanitti adeemsa ajandaa walitti qabuu fi adda baasuu keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Adeemsa Marii Biyyoolessaa keessatti dubartoonni dammaqinaan hirmaachuu, ajandaa walitti qabuu fi adeemsa marii irratti hirmaachuu, ajandaa waliigaltee biyyaalessaa barbaadu komishinichaaf dhiyeessuu ibsaniiru.
Barreessaan ‘Alliyaansii Biiweeldiingii Yuuz Piis Waayibuuntuu’ Siisay Taarraqanyi akka jedhanitti, Marii Biyyaalessaa ajandaa adda baasuufi hirmaattota adda baasuu hojiileen hirmaannaa dargaggootaa cimsuu danda’u hojjetamaa jira.
Gara fuula duraatti, milkaa’ina yaa’ii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa guddichaatiif deeggarsa barbaachisu hunda akka itti fufanis mirkaneessaniiru.