Tamsaasa Kallatti:

Fooyyessi diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa abbootii qabeenyaa Hindiif haala invastimantii mijataa uumeera.

 

Mudde 19/2018(ENA)- Fooyyessi diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa abbootii qabeenyaa Hindiif haala invastimantii mijataa uumeera jedhan Itiyoophiyaatti Ambaassaaddarri Hindii Aniil Kumaar Raayi.

Itiyoophiyaan invastaroota Hindii gosaata invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif haala misooma mijataa uumteetti jedhan abbootiin qabeenyaa Hindii.

Itiyoophiyaatti Ambaassaaddarri Hindii Aniil Kumaar Raayi turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti biyyoota invastimantii gurguddoo qaban keessaa Hindi adda dureedha jedhan.


 

Haaluma kanaan, abbootiin qabeenyaa Hindii Itiyoophiyaan dameelee xiyyeeffannoo kenniteefii keessaa fayyaa,qonna,huccuu fi dameelee biroo irratti invastimantii doolaara Ameerikaa biliyoona shan akka qaban dubbataniiru.

Gara fuula duraattis, abbootiin qabeenyaa  Hindii carraa invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuudhaan carraa hojii uumuu fi oomishtummaa irratti bal’inaan akka hirmaatan tattaaffiin taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Misoomni invastimantii abbootii qabeenyaa Hindii Itiyoophiyaa keessatti argaman lammiilee Itiyoophiyaa hedduuf carraa hojii uumuu fi cehumsa teeknooloojii dijitaalaayizeeshinii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Misooma invastimantii Hindii Itiyoophiyaa keessatti hirmaatan keessaa hojii gaggeessaa olaanaa Dhaabbata Mohaan Giruuppii Haarshi Kootariin haala Itiyoophiyaan diinagdee mandhaleef fooyya’insa taasifte haala mijataa nuuf uumeera jedhani.

Akkasumas, michummaa seenaa Itiyoophiyaa fi Hindii gara walta’iinsa tarsiimootti jijjiiruun, invastaroota Hindii invastimantii adda addaa Itiyoophiyaa keessatti qaban akka guddisan carraa guddaa akka uumu ibsaniiru.

Itti aanaan hogganaa waliigalaa dhaabbata Faarmaasitikaalii Kaadiilaa Itiyoophiyaa Reejii Joon akka jedhanitti, daawwannaan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan tumsa tarsiimoo biyyoota lamaanii cimsuuf gumaacha olaanaa taasiseera.


 

Daawwannaan Ministira Muummee fi haaromsi diinagdee maakroo Itiyoophiyaa tumsa daldalaa fi invastimantii biyyoota gidduu jiru ni guddisa, kanaanis yaa’insa invastimantii abbootii qabeenyaa Hindii irraa dhufan ni dabala jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015