Tamsaasa Kallatti:

Manchistar Siitiin Notingiham Foresti mo’achuun dursaa Liigichaa ta’e

Mudde 18/2018(ENA)- Sagantaa torban 18ffaa piriimar Liigii Ingiliziin Manchistar Siitiin Notingiham Forestiin 2 fi 1’n mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Siitii Giraanditti gaggeeffameen Tijaanii Raayindarsii fi Rayaan Cherkii galchii mo’annaa galmeessisaniiru.

Omaarii Hutchiinsan Notingiham Forestiif galchii 1 galcheera.

Manchistar Siitiin tapha liigichaatiin injifannoo 13ffaa galmeessisuun qabxii 40’n Dursa liigichaa Arsanaal harkaa yeoof fudhateera.

Bara dorgommichaa yeroo 10 kan mo’ame Notingiham Foresti qabxii 18’n sadarkaa 7ffaa qabateera.

Taphni Arsanaal galgala sa’aatii 12tti Biraayitan waliin gaggeessu ni eegama. Arsanaal yoo mo’ate dursa liigichaa deebisee harkatti galfata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015