Qonnaan bultoonni bona Qamadii jallisiidhaan kilaastaraan misoomsan bu’a qabeessasa taasisuuf kunuunsaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni bona Qamadii jallisiidhaan kilaastaraan misoomsan bu’a qabeessasa taasisuuf kunuunsaa jiru
Mudde 18/2018 (ENA)- Qonnaan bultoonni godina Iluu Abbaa Booraa Qamadii bona jallisiidhaan kilaastaraan misoomsan bu’a qabeessasa taasisuuf kunuunsa midhaanii cimsanii itti fufuusaanii godinichatti qonnaan bultoonni aanaa Yaayyoo dubbatan.
Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaa guddisuuf galtee fi sanyii filatamaa yeroon qonnaan bulaa biraan gahuun gamatti ogeeyyii deeggarsaa fi hordoffii taasisaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibseera.
Qonnaan bultoonni aanaa Yaayyoo akka jedhanitti, bona Qamadii kilaastaraan misoomsan waloomaan kunuunsaa jiru.
Waggoottan darban misooma jallisii bonaa hojjechuunsaanii fayyadamaa dinagdee akka isaan taasise kaasaniiru.
Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Booraa obbo Addaamuu Taakkalaa akka ibsanitti, bona baranaa kana lafa heektaara kuma 120 Qamadii misoomsuuf karoorfamee facaasaan cimee itti fufeera.
Qonnaan bultoonni misooma Qamadii Bonaarratti hirmaachaa jiran Qamadiin Kanaan dura facaasan biqile kunuunsaa akka jiran dubbataniiru.
Oomishaa fi Oomishtummaa Qonnaa guddisuuf galtee fi sanyii filatamaa qonnaan bulaaf yeroon dhiheessuun alatti deeggarsii fi hordoffiin ogeeyyii cimee itti fufuusaa ibsaniiru.
Qonnaan bulaan godinichaa rooba eegee oomishuu jalaa bahee misooma Qamadii bonaarratti bal’inaan hirmaachuun waggaa guutuu oomishuu aadeffachaa dhufuusaa kaasaniiru.