Godinichatti Manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa adeemsi ce'umsa qonnaa akka si’atuuf tumsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa adeemsi ce'umsa qonnaa akka si’atuuf tumsaa jira
Mudde 18/2018(ENA)-Godina Baaleetti adeemsi ce'umsa qonnaa akka ariifatuuf manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa tumsaa jiraachuun ibsameera.
Mariin ce'umsa qonnaa Oromiyaa (ATO) qoodafudhattoota gara garaa hirmaachise Baaleetti geeggeffamee jira.
Manni Marii Tiraansfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa Hojimaata qonnaa hammayyeessuuf carraalee fi hudhaalee seektaricha keessatti mul'atan qorannoon adda baasuun yaada furmaataa kaa'uuf hundeeffamuu ni yaadatama.
Manna marichaa sadarkaan ijaaraman keessaa kan Godina Baalee isa tokkoo yoo ta'u hojiilee hojjatamaa turaniin bu'aalee muuxannoof ta'aniif babal'achuu qaban hedduun galmaahaa jiru.
Walitti qabaan mana marichaa fi Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii akka jedhanitti, akka godinichaatti hirmaannaa fi qindoomina miseensota mana marii tiraansfoormeeshinii qonnaa taasisaa turaniin seektaricha ceesisuuf hojiileen deeggaran mul'achaa dhufuu kaasan.
Keessattuu inisheetiiviileen qonnaa jiruu qonnaan bulaa akka fooyyessaniif yaadamani hojirra oolaa jiran bu'aa qabatamaa agarsiisaa jiran agarsiiftuu carraaqqii kanaa ta'uu yaadachiisan.
Obbo Abdulhakiim itti fufuun akka jedhanitti godinichatti bu'aalee seektara qonnaatiin baroottan dabran keessa galmaa'an daran cimsuun qonna ceesisuuf manni maree gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uus kaasan.
Qooda fudhattoonni mana marichaas muuxannoolee galmaa'an daran jajjabeessuun hanqinaalee adda baafaman maqsuun kallattii ofduraa keessatti hojii caalmaaf akka ofqopheessan dhaamaniiru.
Saganticharratti kan argaman Hoogganaa ittaanaan Biiroo Horsiisee Bulaa fi Jallisii Oromiyaa Obbo Roobaa Turchee gama isaaniitiin, Mootummaan naannichaa adeemsa qonna baratamaa irraa gara makaanaayzeeshiniitti ceesisuuf kaayyeffate akka milkaa'uuf manna maree tiraansfoormeeshinii qonnaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojiin seektara qonnaatiin baroottan dabran keessa milkaa'inaan galmaa'an keessatti gumaachi manni maree qonnaa sadarkaan jiranii kan fakkeenyummaan ibsamu ta'uu yaadachiisan.
Hojiilee inisheetiiviilee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa daran dabaluu danda'an irratti xiyyeeffachuun qorannoon deeggaruun kaayyoon gama kanaan qabame galma akka gahuuf qooda fudhattoonni hudi gahee isaanii bahuu akka qaban Obbo Roobaan dhaamaniiru.
Gamaaggamni raawwii mana marichaa fi kallattiin gara fulduraa hojii caalmaa qabu hojjachuuf kan isaan deeggaru ta'uu kan ibsan ammoo Itti gaafatamaa Waajjira Qonna Godina Baalee Obbo Aliyyii Muhammadi.
Qooda fudhattoonni marichaa gama isaaniitiin harcaatiilee hojii keessatti uumaman fooyyessuun kallattii hojii mana marichaan taa'e hojitti hiikuun jijjiirama qabame milkeessuuf kutannoon kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.