Tamsaasa Kallatti:

Intarpiraayizoonni carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessaa jiru

Mudde 18/2018(ENA)- Intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessi carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessaa jiru jedhan de’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa.

Egzibiishinii fi baazaariin maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessaa ministeerri hojii fi dandeettii deeggartoota misoomaa waliin ta’uun qopheesse har’a Finfinnee paarkii michoomaatti ifatti banameera.

Baazarichi mata duree “Omisha Itiyophiyaan Miidhaguu” jedhuun Mudde 18 fi 19 banaa ta’ee kan turu yoo ta’u intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessaa oomishaa fi tajaajilasaanii baazaaricharratti qabatanii dhufaniiru.


 

De’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa akka ibsanitti, intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessi bu’ura dinagdee biyyaa isa guddaadha.

Intarpiraayizoonni kunneen carraa hojii bal’aa uumuun fayyadama dinagdee lammiilee ni mirkaneessaa jiru jechuun dubbataniiru.

Mootummaan faayidaa tarsiimawaa sektara kanaa hubachuun bu’a qabeessummaasaa caalaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa akka jirus eeraniiru.


 

Ministeerri hojii fi ogummaas shoorri sektarri kun carraa hojii uumuuf qabu guddaa akka ta’u sirna caaseffamaa mijataa diriirsuusaa beeksisaniiru.

Egzibiishinii fi baazaariin har’aas qama kanaa akka ta’e kaasanii oomishtoonni oomishasaanii kallattiin hawaasa shamataaf dhiheessuun gabaasaanii akka bal’ifatan taasisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015