Sanyiiwwan Bunaa Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e misoomsotaaf kennameera - ENA Afaan Oromoo
Sanyiiwwan Bunaa Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e misoomsotaaf kennameera
Mudde18/2018(ENA)- Sanyiiwwan bunaa haala teessummaa lafaa bu’uura godhachuun omishtummaan isaanii qorannoon mirkanaa’e gosa 42 ol misoomsotaaf dabarfamee kennamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii beeksise .
Omishaa fi omishtummaa bunaa dabaluuf dhimmota ijoo barbaachisan keessaa sanyii filatamaa ta’uu Abbaan taayitichaa hubachiiseera.
Sanyiiwwan bunaa fo’achuun fi diqaalomsuun gidduugala wiirtuu qorannoo Qonnaa Jimmaa fi dameewwaan Qorannoo jalatti argamanitti haala teessuma lafaa bu’uura godhatan gadhiifamuusaanii Hojii gaggeessaa olaanaan Abbaan Taayitaa misooma Bunaa, shayii fi mi’eessituuwwanii Obbo Fiqaaduu Dafarras ENA’f ibsaniiru.
Filannoo fi diqaalomsuun wiirtuu Qorannoo Jimmaattii fi wiirtuuwwan qorannoo damicha jalatti argamaniin sanyiiwwan bunaa haala teessumaa lafaa bu’uura godhatanii fi qilleensa baddaaf mijatan gosni bunaa 14 gadhiifamuusaanii eeruun, omishtummaan isaanii oyruu qorannoorratti hektaara tokkorraa kuntaalaa 12 tuqaa 2 hanga 24 tuqaa 41 ta’uu hubachiisaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun naannoowwan badda dareetti sanyiiwwan bunaa mijatoo ta’an sanyiiwwan bunaa 16 gadhiifamuusaanii kan ibsan obbo Fiqaaduun, sanyiiwwan bunaa kun omishtummaan isaanii hektaara tokkorraa kuntaala 14 tuqaa 8 hanga 24 ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas sanyiiwwan bunaa naannoo ho’aatti mijatoo ta’an 12 gadhiifamuusaanii eeruun, hektaara tokkorraa kuntaala 13 tuqaa 2 hanga 25 tuqaa 4 akka argamu beeksisaniiru.
Gama biraan sanyiiwwan bunaa naannootti biqilan Naannawa wallagaatti Afur, Harargee lixaaf Afur, Yirgaacaffeef ja’aa fi Limmuuf tokko gadhiifamuusaanii dubbataniiru.
Omishtummaan Bunaa qorannoon dagaagsuun fayyadamummaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.