Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu dhimma jiraachuu biyyaa waan ta’eef deebii argachuu qaba

Mudde 18/2018(ENA)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu dhimma jiraachuu biyyaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jedhan kutaaleen hawaasaa magaalaa Aksum garagaraa.

Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa sababa ifatti hin beekamneen dhabdeetti.

Ulaa galaanaa dhabuun gaabbii namoota hedduu ta’ee turuun yeroo ammaa gaaffii dhalootaa fi dhimma jiraachuu biyyaa waan ta’eef deebii akka argatu tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ni beekama.

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu dhimma jiraachuu waan ta’eef sababoota ifa ta’an kan qabu yoo ta’u, guddinni dinagdee biyyattii fi baay’inni ummataa dabaluu, haala ji’oo-siyaasaa, seenaa fi seeraa eeruun ni dana’ama.

Kanaan wal qabatee kutaaleen hawaasaa garagaraa naannoo Tigraayi magaalaa Aksum agabaasonni ENA irra deemanii dubbisan abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaa tajaajila bu’uraarra darbee dhimma jiraachuu ta’uu ibsaniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa barsiisaa Barakat Hayilee, Itiyoophiyaan dinagdee guddaa fi ummata hedduu osoo qabduu ulaa galaanaa dhabuu hin qabdu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan galaana diimaatti dhihoo osoo jirtuu warri kaan fagoorraa dhufanii itti fayyadamaa jiran dhorkuun gama seeraa fi safuudhaanis fudhatama akka hin qabne kaasaniiru.

Kanaaf Itiyoophiyaan abbaa ulaa galaanaa ta’uu akka qabdu ibsanii, kana galmaan ga’uun imaanaa dhalootaa ta’uu ibsaniiru.

Barsiiftuu Fireewayinii Fissahaa, yaada kennaniin, gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu qananiif osoo hintaane dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu kaasaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa haqa seenaa fi fudhatama seeraa kan qabu, teessuma lafaa fi haqa qabeessummaa kan bu’ureffate ta’uu ibsanii madaallii kamiinuu mirgi abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa kabajamuu qaba jedhaniiru.

Kanaaf gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa ta’e kun qajeeltoo itti fayyadama walootiin deebii argachuu kan qabu ajandaa ummataa ta’uusaa ta’uu dubbataniiru.

Jiraataan magaalaa Aksum abbaan seeraa Ibraahim Alammaa, gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyophiyaan itti jirtu seeraanis ta’e seenaadhaan dhimma fudhatama qabu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf akkaataa seera idil addunyaatiin Itiyoophiyaan mirgishee abbummaa ulaa galaanaa dhiheenyasheetti kan argamu galaana diimaa irraa qabdu kabajamuufii qaba jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015