Tamsaasa Kallatti:

Tarsiimoon Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 Ammayyummaa Magaalotaa guddisuuf Boqonnaa haaraa bana

Mudde18/2018(ENA)-Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalota Teekinooloojiin ammayaa’an ijaaruu fi haala jireenya lammiilee foyyessuuf humna guddaa akka uumu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan.

Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo jalqabsiisan dhaqqabamummaa babal’isuu, Lammiileef Carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa dagaagsuun galma ijoo tarsiimichaa ta’uu ibsuunsaanii ni yaadatama.


 

Karoorawwan kana milkeessuuf bu’uuraaleen misooma ummataa babal’isuu hojiiwwan ijoo ta’uu ibsuun, teekinooloojii kan namarratti xiyyeeffachuun haala jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuuf humna guddaa uuma jedhaniiru.

Ministirri magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii turtii ENA waliin taasisaniin Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, teekinooloojii fi agarsiistuu badhaadhinaa akka ta’aniif hojjechaa jira.

Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 magaalota “smart City” gochuuf kan dandeessisu bu’uurri cimaan kaa’amuu dubbataniiru.

Kunis magaalonni qophii karooraa eegalee dijiitaalaan akka gaggeeffaman taasisuunii fi kenna tajaajilaa ammayyeessuurratti qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru.

Kanaanis jiraattotaaf magaala mijattuu, gurgurtaa elektirooniksii, kenna tajaajilaa si’ataa lammmiileef kennuun kan danda’ame akka ture kaasaniiru.

Kanaanis bu’aa argamuu fi guddina magaalotaaf bu’uura guddaa kaa’ee milkaa’inaan xumuramuu kaasaniiru.

Tarsiimoon Dijiitala Itiyoophiyaa haaraan 2030 magalummaa “smart City “ irra darbee teekinoloojiin kan ammayaa’an akka ta’an kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru.


Immaammata misooma magaalaa Haarawaa waliin kallatttiin kan walitti dhufu yoo ta’u, itti fayyadama Aannisaa, sochi Diinagdee, kenna tajaajilaa kan idileesu ta’uu hubachiisaniiru.

Dijiitaalayizeeshiniin lammiilee fi Mootummaa akkasumas tajaajila kan kennanii fi fudhatan gidduutti wal amantaa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Nageenya odeeffannoo mirkaneessuun muuxannoo odeeffannoo guddina biyyaaf fayyadamuu yeroo gara yerootti babal’achaa dhufuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, Teekinooloojii fi agarsiistuu Badhaahinaa akka ta’aniif xiyyeeffannoo keennee hojjechaa jiraachuu fi milkaa’ina kanaaf humna ittiin furguggifamaa guddaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015