Tamsaasa Kallatti:

Qonna ammayyeessuu fi Omishaa fi Omshtummaa guddisuun ajandaa mootummaa isa ijoodha-Ministira qonnaa Addisuu Araggaa

Mudde 18/2018 (ENA)- Qonna teeknooloojii ammayyaan deeggaruun Omishaa fi Omshtummaa guddisuun ajandaa mootummaa isa ijoodha jedhan Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa.

Mariin Qaamolee qooda fudhattootaa makaanaayizeeshinii qonnaa fi tarsiimoowwan misooma qonna magaalaa irratti gaggeeffamaa jira.

Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa wayita kana dubbii dubbataniin, mootummaan dame qonnaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun bu’a qabeessa gochuuf kutannoon hojjechaa jira.

Mootummaa  damicha ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu akkasumas nyaataan of danda’uu ajandaa ijoo gochuun hojjechaa jira jedhaniiru.

Tarsiimoon makaanaayizeeshinii qonnaa qophaa’uunsaa qoonni akka ammayyaa’uu fi adeemsa oomishaa fi gabaa jidduu jiru gabaabsuun qooda olanaa baha jedhaniiru.

Mashinaroonni makanayizeeshinii qaraxarraa bulisa akka galan godhamuu fi tiraaktaroota dabalatee kombaayinaroonni hedduun qonnaan bulaa biraan gahuu dubbataniiru.

Waggoottan darban lafa heektaara heektaara miiliyoona jaha tuqaa sadii makanayiaeeshinii qonnaan misoomfamuu dubbataniiru.

Liqaa maashinaraa dhiheessuu ilaalchisee hudhaalee jiran furuuf filmaattonni garagaraa hojiirra oolaa akka jiran kaasaniiru.

Tarsiimoon misooma qonna magaalaas dhimmoota tiraanisfoormeeshinii qonnaa ittiin milkeessinu keessaa tokko kan jedhan ministirichi tarsiimichi lafa magaalaa sirnaan fayyadamuuf ni gargaara jedhaniiru.

Hojiilee qonna magaalaa waggoota muraasa darban hojjetamaniin bu’aan argamuu eeranii, bu’aan argame akka itti fufu karaa wal fakkaatuu fi dhaabbatummaan deeggaruu barbaachisa jedhaniiru.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensonni koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa, hoggantoonnii fi hojjettoonni  federaalaa fi naannolee damichaa,qaamoleen deeggartootaa fi keessummoonni waamaman waltajjii maree kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015