Tamsaasa Kallatti:

Yaadamni Ida’amuu magaalonni sirnaan akka gaggeeffaman gochuun tiraanisfoormeeshinii biyyaalessaa akka Fidan carraa baneera

Mudde 18/2018 (ENA)- Yaadamni Ida’amuu Finfinnee dabalatee magaalonni hundi sirnaan akka gaggeeffaman gochuun tiraanisfoormeeshinii biyyaalessaa akka Fidan carraa banuusaa sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa ibsan.

Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa ENA waliin af-gaaffii taasisaniin akka ibsanitti, hojiileen misoomaa yaadama ida’amuutiin magaalaa Finfinneetti hojjetaman jiraattonni qabatamaan akka fayyadaman taasiseera.

Yaadamni Ida’amuu magaalonni sirnaan akka gaggeeffaman gochuu, carraa hojii hammataa fi magariisaa fi jiraattotaaf magaalota mijataa uumuuf kallattii kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Hojiileen misoomaa jijjiiramaan dura magaalaa Finfinneetti hojjetaman amma barbaadamu jiraattota fayyadamoo taasisuu akka hin dandeenye eeraniiru.

Kana ka’umsa godhachuun jijjiiramaan booda hojiileen misoomaa yaadama ida’amuutiin magaalaa Finfinneetti hojjetaman jiraattota fayyadamoo taasisuun alatti guddina magaalattii qabatamaan mirkanessaa dhufuusaanii eeraniiru.

Hojiileen misoomaa hojjetaman magaalaa Finfinnee sadarkaa idil addunyaatti dorgomtuu fi magaalota guddina ariifataatiin maqaansaanii ka’u cinaa akka hiriirtu gochuusaanii dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee bu’ura misoomaa dijitaalaan deeggaramuun pilaaniin kan gaggeeffamtu, tajaajila hunda galeessa kennuu kan dandeessu, saaxilamummaa haala qilleensaaf qabdu xiqqaa fi hammataa akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Yaadama Ida’amuutiin sadarkaa magaalattii guddisuun waan danda’ameef lammiileen jireenya fooyya’aa akka qabaatan gochuun danda’ameera jedhan.

Magaalaa Finfinnee Ismaarti Siitii gama gochuutiin misooma Kooriidarii dabalatee bu’uraalee misoomaa garagaraa ijaaruu irraa eegalee hojiileen milkaa’oon hojjetamaa akka jiran eeraniiru.

Haala Kanaan magaalaa qulqulluu, miidhagduu fi magariisaa ijaaruun akka danda’ame eeranii, yaadamni ida’amuu magaalonni tiraanisfoormeeshinii biyyaalessaa akka Fidan karaa baduusaa kaasaniiru.

Fuulduras magaalaa ammayyaa fi hunda guuttatte dhaloota dhufuuf dabarsuuf tattaaffiiwwan itti jiraman ciimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015