Sagantaa "Booksiingi deeyii’n” Manchistar Yunayitid Niwukaastil Yunayitidiin mo’ate - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa "Booksiingi deeyii’n” Manchistar Yunayitid Niwukaastil Yunayitidiin mo’ate
Mudde 17/2018 (ENA)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Manchistar Yunayitid Niwukaastil Yunayitidiin 1 fi 0’n mo’ateera.
Tapha Istaadiyeemii Olditiraafoordtti taphatameen galchiin Paatriik Doorguu daqiiqaa 24ffaarratti galche Manchistar Yunayitid akka mo’atu taasiseera.
Liigichaan yeroo saddetiif kan mo’ate Manchistar Yunaayitid qabxii 29’n sadarkaasaa torbaffaarraa shanaffaatti guddifateera.
Niwukaastil Yunaayitid bara dargomichaan yeroo torbaffaaf mo’amee qabxii 23’n sadarkaa 11ffaarratti argama.