Tamsaasa Kallatti:

Tajaajila Qulqullina  fayyaa dhaabbilee Barnootaa olaanootti kennamu  eegsisuuf meeshaaleen wal’aansaa ammayyaa guutuuf hojjetamaa jira     

Mudde17/2018(ENA)-   Tajaajila Qulqullina  fayyaa dhaabbilee Barnootaa olaanootti kennamu  eegsisuuf meeshaaleen wal’aansaa ammayyaa guutuuf hojjetamaa jirachuu Ministeerri Barnootaa ibse.

Yuunvarsiitiin Jimmaa Deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa Ammayaa’aa Ministeera Barnootaarra argateera.

 Ministeerri Barnootaa  Deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa kan taassise qaamolee deeggartootaa adda addaa waliin akka ta’e sagantaa walharkaa fuudhinsaa sanarratti  ibseera.

Sirna walharkaafuudhinsaa sanarrati kan argaman Deetaan Miniteera Barnootaa Obbo Koraa XuShunee akka ibsanitti, Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon Damee fayyaan   humna namaa gahoomee fi dorgomaa  ta’e horachuuf  hojiiwwan hojjetu  cinaatti tajaajila wal’aansaa hawaasaaf kennaa jiraachuu  eeraniiru.


 

Qulqullina Tajaajila fayyaa dhaabbatichatti kennu eegsisuuf  meeshaalee wal’aansaa ammayaa’aa guutuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kanaafis deeggarsi meeshaalee yaalaa har’a Yuunvarsiitii Jimmaaf kenname agarsiistu ta’uu  ibsaniiru.

Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa  gamasaaniin, Inistitiyuutiin Fayyaa Yuunvarsiitichaa humna namaa beekumsaa fi naamusaan gahoome  horachuuf  xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu kaasaniiru.


 

Dabalataanis inistitiyuutichi hawaasa naannichaaf  tajaajila wal’aansaa kennuun  gumaacha olaanaa gumaachaa jira  jedhaniiru.

Deeggarsi  Meeshaalee wal’aansaa ammayaa’aa har’a taassifameefii  hojii baruu fi barsiisuuf haala mijeessuu qofa osoo hin taane qulqullina tajaajila yaalaa inistitiyuutichi kennnu  guddisuuf akka  gargaaru  ibsaniiru.

Yuunvarsiitichi Meeshaalee wal’aansaa deeggarsaan argate  Birrii Miiliyona 25 kan baasan kanneen akka   Laparoskoopii, ICU, hordoffii dhukkubsataa, Altiraasaawundii, fi Endoskoopii kan dabalatu ta’uu ibsaniiru.


 

Sirna walharkaa fuudinsaa sanarratti   Deetaan Miniteera Barnootaa Obbo Koraa XuShunee  dabalatee  ogeeyyiin wal’aansaa olaanoo fi  hoggantoonni Yuunvarsiitichaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015