Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025’n Dandeettii Dijiitaalaa fi Ijaarsa Diinagdeerratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025’n Dandeettii Dijiitaalaa fi Ijaarsa Diinagdeerratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaniiru
Mudde17/2018(ENA)-Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 Dandeettii Dijiitalaa fi Ijaarsa Diinagdeef bu’uura ta’an hojiin bu’aa qabeessi kan itti hojjetaman ta’uu hayyoonni damee teekinooloojii ibsan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo eegalchiisan Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 guutummaan sadarkaa jedhamutti milkaa’uu ibsuunsaanii ni yaadatama.
Keessumaa bu’uuraalee Misoomaa tajaajila hawaasaa diriirsuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasuun , Itiyoophiyaan sadarkaa Murteessaa jedhamuun gurgurtaa maallaqa callaarraa gara sirna faayinaansii Dijiitaalaatti ce’uusaa eeraniiru.
Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 dhaqqabamummaa babal’isuu, Carraa wal-qixaa mijeessuu, dhaabbilee fi Ummata gidduutti wal amantaa uumuu kaayyoowwansaa ijoo ta’uu ibsaniiru.
Hayyoonni Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 ijaarsa Dinagdee Dijiitaalaaf bu’uura kan kaa’ee fi tajaajiloota ammayyeessuun dhaqqabamummaa guddisuu kan danda’edha.
Yunvarsiitichatti Itti gaafatamaa hubannaa namtolchee fi gahooma Roobootiksii Doktar Habiib Mahaammad, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 saffisa Interneetaa fooyyessuunii fi baay’ina fayyadamtoota mobaayilaa fi Intarneetaa sadarkaa olaanaan dabaluun bu’aa qabeessummaasaa qabatamaan argisiisuu ibsaniiru.
Tarsiimoon kun Dinagdee Dijiitaalaaf bu’uura kan ka’ee fi kenna tajaajiloota mootummaa hedduu ammayyeessuun dhaqqabamummaa fi saffisa tajaajilaa guddisuu dubbataniiru.
Tajaajjilli Waraqaa eenyummeessaa faayidaa bu’aa bahii hanbisuuf qooda akka qabu kaasuun, koodarsii Miiliyoona shan hirmaachisaa fi sagantaawwan dandeettii guddisan hojiirra ooluusaanii hubachiisaniiru.
Hojiirra oolmaan tarsiimichaa sirna faayinaansii hirmaachisa ijaaruun kaffaltii dijiitaalaa fi tajaajila faayinaansii mobaayilii babal’isuun dhaqqabamaa taassisuu ibsaniiru.
Dabalataanis Dinagdee dhuunfaa keessatti hirmaannaa qabu guddisuurra darbee, nageenya Saayibarii Mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman galmoota tarsiimoon kaa’aman milkeessuunsaanii agarsiistuu ta’uu hubachiisaniiru.
Yunvarsiitichatti Itti gaafatamtuun kutaa Sooftiweer Injiinaringii Doktar Lamlam kaasaa gamasaaniin, Dijiitaalli Itiyophiyaa 2025 bu’uuraalee Misoomaa saffisiisuurrattui bu’aan galmaa’uu dubbataniiru.
Hayyoonni kun tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 tiranisfoormeeshinii Dijiitaala Itiyophiyaa Saffisiisuu, Bu’uuraalee Misoomaa cimsuu, Kalaqa guddisuu, Dhaabbilee Dinagdee Dijiitaalaa Mandhaaleef barbaachisan ijaaruuf mul’ata kan qabate ta’uu eeraniiru.
Tarsiimicha bu’aa qabeessummaan hojirra oolchuuf bu’uuraalee misoomaa Dijiitaalaa fi ijaarsa dandeettiif Fi nageenya saayibariirratti hojiiwwan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban ibsaniiru.