Hojiileen damdaneessi damee misooma dijitaalaan hojjetaman kenniinsa tajaajilaa fi haala jireenyaa namootaarratti jijjiirama ariifataa fideera-Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen damdaneessi damee misooma dijitaalaan hojjetaman kenniinsa tajaajilaa fi haala jireenyaa namootaarratti jijjiirama ariifataa fideera-Hayyoota
Mudde 17/2018(ENA)- Waggoottan shaman darban hojiileen damdaneessi dame misooma dijitaalaan hojjetaman kenniinsa tajaajilaa fi haala jireenyaa namootaarratti jijjiirama ariifataa fideera fiduusaa Hayyoonni Yunivarsiitii Haramayaa hojjetan ibsan.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darbaniif hojiira oolaa turuun tibbana milkaa’inaan xumuramuunsaa nibeekama.
Hojiirra oolmaa isaatiinis telekoomii fi bu’ura misoomaan Intarneetii, kafaltii dijitaalaa fi sektar faayinaansiin, eenyummeessaa dijitaalaa fi tajaajiloota mootummaa garagaraarratti jijjiiramoota mul’atanii fi bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru.
Kanaaf tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan xumuramuusaatiin tarsiimoon dijitaala Ityoophiyaa 2030 ifatti eegalameera.
Hojiirra oolmaa misooma dijitaalaa fi karoora itti aanu ilaalchisuun hayyoonni Yunivarsiitii Haramayaa hojjetan TOI’n dubbise hojiileen damdanuun waggoottan shaman darban sektara misooma dijitaalaan hojjetaman kenniinsa tajaajilaa fi haala jireenyaa namootaarratti jijjiirama ariifataa fiduusaa ibsaniiru.
Yunivarsiitichatti hogganaa fi barsiisaan kutaa barnootaa Ikonomiksii Milkeessaa Dajanee, Itiyoophiyaan damee dijitaalaan jijjiirama ariifataa fi bayyanachuurra ta’uusheef agarsiiftuuwwan hedduun akka jiran dubbataniiru.
Tajaajilli telekoomii fi bu’ura misoomaa Intarneetii, faayinaansii, tajaajiloota mootummaa garagaraa fi kanneen biroon kennaman agarsiiftuuwwani jedhaniiru.
Milkaa’ina kanarraa ka’uun karooronni tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ijoon akka milkaa’an ibsaniiru.
Yunivarsiitichatti itti aanaan diinii fi barsiisaan kolleejii kompiiyutiingii fi Informaatiikii Afandii Abdii, dijitaala Itiyoohiyaa 2025iin bu’ura misoomaa Itiyoo telekoom babal’isuun wal qabatee neetwoorkiin 4G fi 5G diriirfamuun misooma sektarichaaf bu’urri cimaan jiraachuu ibsaniiru.
Kanarraa ka’uun hojiiin ijoon qaqqabiinsa tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumuu fi lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa uumuun salphaatti kan milkaa’u ta’uu kaasaniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 tibbana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin ifoome milkaa’ina darbe itti fufsiisuun misooma damichaatiin Itiyoophjiyaa badhaate dhugoomsuuf kan gargaarudha.