Tajaajilli Wiirtuu tokko Masoob deddeebbii fi qisaasama yeroo jalaa nu baaseera– tajaajilamtoota - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Wiirtuu tokko Masoob deddeebbii fi qisaasama yeroo jalaa nu baaseera– tajaajilamtoota
Mudde 17/2018(ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokko Masoob magaalaa Shaashamannee si’ataa, deddeebbii kan hanbisee fi yeroo kan qusatedha jedhuun fayydamtooni tajaajilichaa ibsan.
Bakka tokkotti tajaajila guutuu fi si’ataa argachuusaaniin yeroo fi humna qisaasamaa turee fi baasii kan hir’ise ta’uu tajaajilamtoonni ENA’f ibsaniiru.
Gidduu galichi ammaan dura magaalichatti tajaajila mootummaa argachuuf deddeebii ture hanbisuun hojiirratti akka xiyyeeffatan isaan gargaaruu ibsaniiru.
Hojii gaggeessaa Giduugalicha Gammachuu Nabiiyyi gamasaaniin, komiin hawaasaa kenna tajaajilaarratti ka’aa ture gidduu galichi hojiitti erga galee booda hafuusaa mirkaneessaniiru.
Gidduu galichatti dhaabbilee 26n tajaajiloota 111 karaa guutuu ta’een hawaasaaf dhiheessuusaa mirkaneessaniiiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo qulqullinaa fi saffisaa bu’uurarraa hiikuusaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Adaanaa Takilagoorgis Mirkaneessaniiru.
Gidduugalawwan Kanaan wal fakkaatan magaalichatti akka babal’atan ibsaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi yeroo tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob akka biyyyaa eegalchiisan, kenna tajaajila motummaa ammayyeessuun, komii ummataa hiikuuf galma qabatee gara hojiitti kan gale tajaajjilli Wiirtuu tokkoo Masoob naannoowwan hundatti akka babal’atu ibsuunsaanii ni yaadatama.