Tamsaasa Kallatti:

Ministeerri dhimma alaa fi Keeniyaatti embaasiin Itiyoophiyaa manneen jireenyaa lammiilee buleeyyiif Dirree Dawaatti ijaarsisan kennan

Mudde 17/2018(TOI)- Ministeerri dhimma alaa fi Keeniyaatti embaasiin Itiyoophiyaa manneen jireenyaa lammiilee buleeyyiif Dirree Dawaatti ijaarsisan kennaniiru.

Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos fi hooggantoonni olaanoo dhaabbilee ministeerichaaf itti waamamoo akkasumas kantiibaan bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar bakka argamanitti maneen ammayyaa eebbifamanii kanneen maluuf kennamaniiru.

Manneen ammayyaa birriin miiliyoona 20 caalu baasii taasifameef 20 kan ijaarsisan ministeerri dhimma alaa fi Keeniyaatti embaasiin Itiyoophiyaa bulchiinsa Dirree Dawaa waliin ta’uun ta’uun akka ta’e saganticharratti ibsameera.

Manneen kanneeniin alattis ministeerri dhimma alaa meeshaalee barnootaa birrii miiliyoona 2’n bite barattoota maatii harka qalleeyyiif gumaacheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015