Godinichatti Midhaan gahe Bokkaan akka hin miidhamneef qindoominaan walitti qabamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Midhaan gahe Bokkaan akka hin miidhamneef qindoominaan walitti qabamaa jira
Mudde17/2018(ENA)-Omisha Gannaa bara 2017/18 lafa hektaara kuma 483 sanyiin faca’e keessaa lafa hektaara kuma 392 fi 267 irraa omishi gahe walitti qabamuu waajjirri Qonnaa Godina wallaga Lixaa beeksise.
Itti gaafatamaan Waajjirichaa Fayyisaa Hambisaa ENA’f akka ibsanitti, Qonnaan bultoonni gurmaa’insaa isaanii fi maatiisaani Hirmaachisuun omishasaanii walitti qabaa jiru jedhaniiru.
Bara omishichaatti lafa midhaaniin misoomerraa Omishi Kuntaalli miiliyoona 14 ol akka abdatamu eeraniiru.
Jirataan Aanaa Gimbii Qonnaan Bulaa Kaaliid Abduu Boqqolloo lafa hektaara walakkaarratti omishan sirnaan walitti qabuusaanii dubbataniiru.
Midhaan Daagujjaa fi Boqqolloo kilaastaraan omishan walitti qabuusaanii jiraataan Aanaa Laalloo Assaabii Qonnaan bulaa Taayyee Olaanii ibsaniiru.
Midhaan kun roobaan akka hin miidhamneef akkasumas akka hin mancaaneef deeggarsaa fi gorsa ogeessa Qonnaan fayyadamuun walitti qabaa jiraachuu qonnaan bultoonni ibsaniiru.