Yunvarsiitiin Haramayaa sanyii Marga nyaata horii qorannoon argate babal’isaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunvarsiitiin Haramayaa sanyii Marga nyaata horii qorannoon argate babal’isaa jira
Mudde 17/2018(ENA)-Yunvarsiitiin Haramayaa sanyii marga nyaata horii qorannoon argate babal’isaa jiraachuu beeksise.
Yunvarsiitii Haramayaatti Barsiisaa fi qorataan qabinsa qabeenya uumamaa fi barnoota saayinsii naannoo Daargoo Kabbadaa ENA’f akka ibsanitti Yuunvarsiitichi marga nyaata horii "lime Grass" jedhamu qorannoon argateera.
Sanyiin Margaa qorannoon argame Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Mayaa keessatti kan argamu aanaawwan sadii fi gandoota 4tti Gidduugala leenjii Qonnaan bultootaattii fi Ooyruu Qonnaan Bulaarratti babal’isaa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Sanyiin Margaa kun lafa Qonnaan Bulaa kuma tokkorratti babal’atee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Ammaan dura hanqina sanyii margaa turee fi lafti bal’aan bishaan kan barbaadu ta’uu ibsuun, margi "lime Grass" jedhamu qorraa fi hongee dandamatee lafa xiqqaarratti nyaata horii baay’ee kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Sanyiin Margaa kun baatii tokkoo fi walakkaatti dafee kan gahu ta’uu eeruun rakkoo hanqina nyaata horii mudatee kan furu ta’uu ibsaniiru.
Sanyiin Margaa nyaata beelladaaf jiidhinsa dabalatee gogees kan tajaajilu ta’uu eeruun, qaamolee nyaata horii fi furdisaa irratti hirmaatan bu’aa qabeesa isaan taassisa jedhaniiru.
Sanyiin margaa kun qabiyyee of keessatti qabuun omisha beelladarra argamu foon kan dabalu ta’uu qorannoon nyaata beelladaa gaggeeffameen mirkanaa’uu ibsaniiru.
Akkasumas sanyicha omishuu fi gabaaf dhiheessuun madda galiif fayyadamuun faayidaa fooya’aa argachuun akka danda’amu ibsaniiru.
Yunvarsiitichi sanyii Margaa gara qonnaan bulaatti babal’isuun galii damee beellladaarra argamu guddisuuf cimsee akka itti fufu beeksiseera.