Tamsaasa Kallatti:

Akkuma loltuun daangaa biyyaa eegu, gaazexessaan olola sobaa qolachuun dantaa biyyaalessaa eeguu qaba

Mudde 17/2018 (ENA)- Akkuma loltuun daangaa biyyaa eegu, gaazexessaan olola sobaa qolachuun dantaa biyyaalessaa eeguu aka qabu hoogganaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa Hayiluu Addunyaa ibsa.

Gumiin Balal Marsaa 48ffaan Mata Duree Dantaa Biyyaalessaa fi Miidiyaa jedhuun gaggeeffamaa jira.

Biyyi keenya akka biyyaatti dhimmoota dantaa biyyaalessaa ta’an olaantummaa Heeraa fi seeraa mirkaneessuu, tokkummaa biyyaalessaa eeguu, mirga ofiin of bulchuu jabeessuu fi guddina itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti kutannoo olaanaan biyya hojjechaa fi injifannoowwan gurguddoo galmeessaa jirtu akka ta’ees ibsaniiru.

Ejennoon mootummaa akkuma Siyaasa bishaan laga Abbayyaa jijjiirre ajandaa Ulaa Galaanaa cufamee ture banuu fi ji’oo polotiksii Gaanfa Afriikaa keessatti taatoo adda duree ta’uun argamuudha.

Kunis hammattoo dippilomaasii fi seera Idil-addunyaa fayyadamuun cichoominaan hojiirra oolchuun kan raawwatamudhas jedhaniiru.

Bara dorgommiin teeknoloojii dijitaalaa guddina ariifataa galmeessaa jiruu fi biyyoonni guddatan karaa hundaan miidiyaa dijitaalaa fi carraa miidiyaalee qaban hundatti fayyadamuun aantummaa fi gartummaa biyya isaanii agarsiisaa jiranitti hoggansaa fi ogeessa miidiyaa akkasumas haayyonni miidiyaalee fi komunikeeshinii biyya keenyaas haala qabatamaa addunyaa dhugaan booda hubachuun kutannoon hojjechuun dhimma bulfamu akka hin taane ibsaniiru.

Addi waraanaa guddichi dantaa biyyaa kabachiisuu danda’u tokko waraana gama miidiyaatiin jirudha kan jedhan obbo Hayiluun, dhaabbileen miidiyaas waraana gama kanaan jiru qolachuuf beekumsaafi guddina teeknoloojii jaarraa kanaa hubachuufi hidhachuun dhimma filannoof dhiyaatu miti jedhan.
 

Miidiyaan hojii hojjetuun biyya ni ijaara; itti gaafatamummaa isaa ba’achuu yoo baate garuu haaluma salphaan biyya ni diiga jechuun ibsan.

Dhimmi guddina biyyaa hojii ijoo miidiyaa ta’uu eeranii, guddina kana milkeessuufis hirmaannaa lammiilee cimsuuf hojjetamuu qaba jedhan.

Bilisummaan miidiyaa akkuma eegametti ta’ee duudhaalee dhugummaa, haqummaa, al-loogummaa fi amanamummaa jabeessuun waldhabdee fi wal-shakkii hir’isuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsuu isaaniiru.

Waraqaa Qorannoo kan dhiyeessan Looreet Amaanu'eel Abdiisaa Miidiyaan dantaa Biyyaalessaa eegsisuu keessatti gahee inni qabu irratti muuxannoo biyyoota biroo eeruun, kan biyya keenyaas fakkeenya kana fudhachuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaan humna cimaa qaba kan jedhan qorataan kuni, humna isaa kana immoo biyya ijaaruuf itti fayyadamuu qaba jedhaniiru.

Deetaan Ministiraa Tajaajila Komunukeeshinii mootummaa Obbo Kabbadaa Deesisaa gama isaaniin, gaheen miidiyaa dantaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti qabu olaanaadha jedhaniiru.

 Waltajjii marii kanarratti hoggantoonni miidiyaalee adda addaa irraa dhufan irratti argamuunyaada galtee ta'u mariif dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015