Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa daawwatan
Mudde 16/2018(ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa magaalaa Shaggar naannawa Labuutti argamu har’a daawwataniiru.
Itti aanaan ministira muummee Fuula marsariitii isaaniirratti ergaa barreessaniin bataskaanni Kaatolikii Itiyoophiyaa gumaachi misooma hawaasummaa taasiftu jireenya Itiyoophiyaanota hedduu kan jijjiiredha jedhan.
Deeggarsi Bataskaanni kun gama barnootaan, fayyaan, bishaan dhugaatii fi leenjii teekniikaa dargaggootaan taasiftu imala badhaadhinaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka qaban ibsaniiru.
Dhaabbanni barnootaa olaanaan kun keessumaa dame wal’aansaatiin dandeettii qorachuu fi wal’aanuu Itiyoophiyaa ni guddisa kan jedhan itti aanaan inistira muummee hundaa ol qulqullinni dhaabbatichaa dhaabbilee hedduuf fakkeenya ni ta’a jechuun dubbataniiru.
Wantoonni barbaachisan guutamanii tajaajila walii galaa dafee akka eegalu gama mootummaan deeggarsi barbaachisu akka taasifamu himaniiru.
Dhaabbata kanaaf lafa hojii kanaaf barbaachisu kan kenne naannoo Oromiyaa akkasumas dhaabbaticha meeshaalee ammayyaan gurmeesuuf kan gargaaran hunda nan galateeffadha jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.