Tamsaasa Kallatti:

Itiyoo Elektirikiin  Midira Gannat Shiree injifachuun sadarkaasaa gara 3ffaatti ol guddiseera 

Mudde16/2018(ENA)- Tapha Piriimar Liigii Itiyoophiyaan sagantaa torban 11ffaan  Itiyoo Elektiriikiin Midira Gannat shiree 1 fi 0’n injifateera. 
Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeefameen Abeel Habtaamuu galchii injifannoo daqiiqaa 95ffatti lakkoofsiseera. 



Bara dorgaommichaatti injifannoo 5ffaa kan galmeessise Itiyoo Elektiriikiin  qabxii 20n sadarkaasaa 4ffaa  gara  3ffaatti  ol guddisera. 
Faallaasaan  liigichatti yeroo sadaffaa  kan mo’ame  Midira Gannat Shireen qabxii 14n  sadarkaa 9ffaa  qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015